03/08/2026
Uummanni Dirree Dawaa aantummaa fi Jaalala guddaa Kilaboota Oromiyaaf qaban ifatti mul'isaniiru ❤️❤️
Dorgommii Shaampiyoonaa Kilaboota Itiyoophiyaa kan bara 2018 Magaalaa Dirree Dawaatti dorgomamaa tureen Uummanni Magaalaa Dirree Dawaa jaalalaa fi Kabaja guddaa Kilaboota keenyaaf qabaniin dirree irratti deeggarsa isaanii jalqabaa hanga xumuraatti taasisuun argisiisaniiru .
Addatti ammoo tapha xumuraa shaampiyoonichaan kilaba Magaalaa Gimbiif deeggarsa cimaa taasisuun Onnachiisuu, jajjabeessuuniifi haamilee itti horuun cimee akka falmatuuf gahee olaanaa ba'ataniiru .
Deeggartootni Kilaba tokkoo lafee dugdaa Kilabichaati, Kilabiin Deeggaraa gaarii qabu injifannoof hin rakkatu .
Uummata Magaalaa Dirree Dawaa Jaalalaaa fi Deeggarsa Olaanaa taasistaniif akkasumas Deeggartootni Kilaba Magaalaa Gimbii Fageenya dheeraa qaxxaamuruun achitti argamtanii deeggarsa olaanaa taasisaa turtan kabaja guddaa fi galata daangaa hin qabne isiniif dhiyeessina , isin simboo kubbaa Miilaa Naannoo keenyaati .