Sagalee Hayyuu Haqa Dhabe

Sagalee Hayyuu Haqa Dhabe Abbaan nama maraa Barsiisaadha

Hin amanu......Ani hoo miskiin tichadafqa lolaasee buluuKan yoo argate nyaateedhabus agabuu buluHarkaa gara afaaniikan h...
05/07/2026

Hin amanu......

Ani hoo miskiin ticha
dafqa lolaasee buluu
Kan yoo argate nyaatee
dhabus agabuu bulu

Harkaa gara afaanii
kan hojjetuu qansiraa
Dhuguma najaallattee
yaanni kan kee nabiraa?

Harkarraa homaan qabu
kiisiin koos qarshiin oodaa
Akkamiin najaallatta
dhiisi hin gaabbitaa booda!

Warqeef meetiiyyuu dhiisi
Siif bituufuu huffata
Hojii lafatti fuudhee
guyyaa baay'ee bulfata!

Beekumsa ykn qarshii
hin qabuu bifa gaarii
Kana hundumaa laalaa
najaallachuufi tarii?

Gaaffii jaalalaa kaasee
Dubbadhee hin beeku takkaa
Jaallachuuf yoon ka'eyyuu
Hiyyummaa kootu na yakka!

Anoo jiraadhee beekuu
mataa kooyyuu ol qabee
Amma dhuguma rabbii
jaalala kootu si qabee?

Ati jaallachuu dhaafuu
ofuma koon qaanfadhe
Huccuun bar tokko bite
Waggaa sadiin kaawadha

Kanan baatiin kaffalu
mana koo ishee kiraa
Kaffaluun natti cimee
Gidiraa argaan jiraa

Akkamiin najaallatte
moo tarii na sobuufi
Natti dhiyaattee kaatee
booda immoo baduufii?

Sin jaalladhaa jettee
Maa sammuu na jeeqxa
Hiyyeessa ta'uu kiyyaa
Fuulakoo irraa beekta?

Fira dureessa hin qabuu
maatiinkoos hin qabanu
Sin jaalladha jechuu Kee
Keessikoo hin amanuu

Kana Niitiin jedhe "Bayyanaa Beenyaa" d*rgim itti godhee!Bayyanaa Beenyaa nama Gindabarati. Dubartii Ana jedhetu waggaa ...
04/05/2026

Kana Niitiin jedhe "Bayyanaa Beenyaa" d*rgim itti godhee!

Bayyanaa Beenyaa nama Gindabarati. Dubartii Ana jedhetu waggaa 1 tokko jala taa'a. maaliifi jechuu dandeessa, Shimilligii isaatu Ciqilee isaatiin wal qixa. Baadiyyaaf magaalaatti maqaan isaa beekkamaadha.
Dubartii isa argite gariin akka Waraabessaatti dheessiti, gariin kan isa hin beekne immoo Akkuma leenca 6kilo daawwatamu sanaatti ijumaan arguuf karaa dhaabatu.
Dubartiin yoo isa jalaa baatus hedduu hin gaddu, garuu gaafa jalqaba fuudhu jecha ittiin gammachuu isaa ibsatu qaba. innis jecha gubbaa kana kanaati.
Boodarra haasofni dubartii iddoo bunaatti waa'uma Bayyanaa Beenyaa ta'e, warri isa argatee beeku oofa isa haa gogsu, tarsa'i si haa tarsaasu jetti.
Warri hin argiin immoo gorora qalloo tokko gurcuc gurguc gochaa gurraan dubartoota Bayyanaa arrabsanii dhaggeeffatu.
Booda biyya jijjiirratee Jaldu waggaa 4 taa'ee irratti baramnaan, Salaaletti bade. achiis tajaajila waggaa 3n Meettaatti deebi'e,,,
Waggaa 2ffaa isaa Meettaarraa bajjii Baqaqsaa jira jedhan
Tajaajila isaa yoo meettaa irraa xumuure eessa deema jettanii yaaddu?
Warri gara biyya kanaa nuuf haa dhufu jettan inbox,n na dubbisaa!

03/18/2026

Oduu Ammee : Artistiin Akka Itiyoophiyaatti Beekkamtii Guddaa Qabu Teedii Yoo Jedhamuun Kan Beekkamu Gaafii Deebii Guyyaa Kaleessaa Miidiyaa Wajjiin Taasise Irratti Biyya keessa Taa'uun Ifaan Ifatti Muummicha Ministeeraa Abiy Ahmed Fi Adanech Abeebee Jijjiirama Osoo Hin Taane Raafama Fidaa Jiran Hojiin Misoomaa Isaaniin Hojjetame Hin Jiru Jechuun Dubbatee Xiqqeessuun Tuffii Isaaniif Qabu Agarsiisee Jira. Nama Gaddisiisa! Yeroo Teedii Yoo'n Abiy Ahmed Fi Adaanech Abeebeen Jijjiirama Osoo Hin Taane Raafama Fida Jiran Jechuun Dubbatee Xiqqeessu Asii Gadii Daawwachuun Waliif Qoodaa. 👇 https://capital.mvacancy.com/tedy-yoon-abiy-ahmed-fi-adaanech-ittiin-qoose/

Address

West

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee Hayyuu Haqa Dhabe posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share