05/04/2026
Nama Dubbise Hunda ni Fayyada Naaf dubbisaa
Qarshii qabaachuuf hojjachuun dirqama, hojjachuuf ammoo dandeettiif
tooftaan barbachisaadha
'Business' tokko hojjachuuf tooftaalee 11 kanneen yaadadhu mee.........
1 iccitii itti namaa waliin hojjettu male icciti hojii keetii gonkumaa namaaf hin himin
2 waan sii harka hin geenye abdattee hin gammaddin, yoo dhabdee ni
miidhamta
3 hojii gosa tokko qofa hojjechuun bakka yaadde hin geessu, waan
dandeessu hundaa hojjedhuu
4. waan xiqqoo hojjatteen mul'achuuf hin ariifatin, hojiin kee iyyu sii
mul'isaati
5 amma dura hojiin kee yoo siif hin milkoofne san yaaddee of hin jeeqin
sababa kufaatii keetii san irraa baradhu male
6 yoo dandeesse Nama gargaari malee maallaqa liqeessuu hin
heddummeesin, maallaqa kees dhabdee nama sanas dhabdaati 7 waan
hojjattu hunda irratti nama fakkeenya godhattu qabaadhu, akka isaa/
ishee ta'uuf osoo hin taanee isaa/ishee caaluuf hojjadhu
8 waan guddaa bor hojjattu ilaaltee xiqqoo har'aa hin tuffatin ykn hin
balleesin maaliif seete,xiqqoon kun guddaa san bira gahuuf riqicha
cehumsaati
9 waan hojjechuuf yaddee dursitee hin odeesin namni qabeenyaan sii
caalu sumaa irra dhagahee sii dursuu danda'aati
10. yoo dandeesee abbaa oggumma waan tokkoo ta'uuf yaali, maaliif
seete?,oggummaan akka qarshii Argattee kaatee hin dhabdu
11 kayyoon kee yoo galma siif gahee of qofaaf hin jiraatiin lammii keetiif
waan gochuu dandeessu hunda godhii maaliif seete ?
dandeettii osoo qabuu kan carra dhabetu jira, karaa itti argisiisi
mallaqa osoo qabuu kan nama (Hiryaa) dhabetu jiraa, amanamiif
waan hunda hojjechuu osoo danda'uu kan roorroon itti heddummaatetu
jira Waan taheef siif jira jedhii aantummaa kee mul'isiif
....