The Beautiful Game

The Beautiful Game Sport Oliikoo

.✴️Waancaan Addunyaa biyyoota 48 hirmaachisu jalqabuuf torbeen tokko hafetti danbiiwwan haaraa ifoomse. ✅️Goolii eegaan ...
03/06/2026

.
✴️Waancaan Addunyaa biyyoota 48 hirmaachisu jalqabuuf torbeen tokko hafetti danbiiwwan haaraa ifoomse.
✅️Goolii eegaan kubbaa harka isaarra jiru sekondiiwwan 5 ol yoo tursiise garee faallaadhaaf adabbii kubbaa rogaa(corner)kennama.
✅️Taphataan jijjiiramee akka bahu ajajame sekondiiwwan 10'nii ol barfannaan kan jijjiiramee seenu daqiiqaa 1'f akka dirree hin seenne ni Adabama.
✅️Taphataan tokko Walitti bu'iinsa kilaba faallaa isaaf deebii kennuuf dubbii isaa harkaan yookaa uffataan yoo haguuge kallattiin kaardii Diimaa argata.
✅️Abbaan murtee gaafiwwan kubbaa rogaa(corner) kallattiin ariitiin deebii kennuuf 'VAR'fayyadamuu ni danda’u jedha danbiin haaraan kun.
☑️Kubbaa harkaa sarara irra dhaabbateef hiriyyootaaf laachuuf sekondii shan qofa keessatti raawwachuu.yoo barfate irraa fuudhamee garee faallaaf kennama.
☑️Balleessan yoo jiraate ibsa bal'aa kan gaafatu dura bu'aa qofa. Taphattoonni kuun abbaa murtee gaafannaan deebiin kaardii Keelloodha.
☑️'VAR'hin dogongoru yoo dogongore tahe abbaa murtee sarara gidduu irra deebi'uun ilaalee 'VAR'n ni sirreessa.
✅️Taphataan daqiiqaa 90+ keessatti Kaardii keelloo lama(Diimaa) argate. Kaardii keelloon 2ffaan 'VAR'n akka ilaallamuuf gaafachuu mirga qaba.
🥰Kubbaan miilaa dogongora waliin miidhaga natti fakkaata. Mee isin maal jettu?


⚽️The Beautiful Game


.  Maanchistar Yunaaytid Edersaniin mallatteessifachuuf walii galterra gahe (The Athletic)✅️Guddichi Ingilaandi iddoo Ka...
03/06/2026

.
Maanchistar Yunaaytid Edersaniin mallatteessifachuuf walii galterra gahe (The Athletic)
✅️Guddichi Ingilaandi iddoo Kaasemiiroo sarara gidduu irratti taphataa Biraaziil Atilaantaaa irraa Edersaniin fudhachuufi jedha gabaasni.
✅️Maanchistar Yunaaytid 'Éderson José dos Santos Lourenço da Silva' €.miil.45+ turtii Oolditiraafoord waggoota 4+ ni mallatteessa jedhameera.
✅️Kilaboonni gurguddoon gaafii dhiyeessuuf kan eere gabaasni dardarri ganna 26 Edersan filannoo guddicha Ingilaandi taasifachuu dhageenne.


⚽️The Beautiful Game

.✴️Maarkoo Silvaa hojii leenjisummaa kilaba Beenefikaaf kaadhimaman jedha(BBC Sport).✅️Walii galteen Fuulhaamiin waliin ...
02/06/2026

.
✴️Maarkoo Silvaa hojii leenjisummaa kilaba Beenefikaaf kaadhimaman jedha(BBC Sport).
✅️Walii galteen Fuulhaamiin waliin qaban xumuramuutti gar gar kan bahan Maarkoo Silvaan gara Poorchugaal imalan.
✅️Biyya isaanitti imaluun turtii waggoota lama Beebefikaa leenjisummaa dursuuf isaan dandeessisu ni mallattessu jedhameera.
✅️Ze Ispeeshaal Waan Joozee Maariyoo Doosaantoos Moriinhoo gad lakkisuutti Beenefikaan Leenjisaa barbaadaa turan bilisaan argatan.


⚽️The Beautiful Game

.✴️Ibraahim Konaatee Riyaal Maadriidiif mallatteessa(The Athletic).✅️Taphataan sarara ittisaa garee biyyaalessaa Faransa...
02/06/2026

.
✴️Ibraahim Konaatee Riyaal Maadriidiif mallatteessa(The Athletic).
✅️Taphataan sarara ittisaa garee biyyaalessaa Faransaay Ibraahim Konaaten yaada jijjiiruun Haalaa Maadriiditti imale.
✅️Duula nafiladhaa irra kan jiran Pirezidaanti Filoorentiinoo Peerez yoo kan injifatan taphaticha fudhachuuf walii galteerra gahan jedhamaara.
✅️Walii galtee waggoota dabalataa Anfiildi Roodin turuuf sadarkaa yaadaan walii galus boodarra gaafii Joozee Moriinhoo fudhachuun Maadritti imale.
✅️Cheelsii dabalatee kilaboota Sa'uud Arabiyaa irraa gaafii dhiyaateef deebii utuu hin kennin waggoota afur Saantiyaagoo Beernaaboo turuuf walii galtee irra gahe.


⚽️The Beautiful Game

.✴️Liivarpuul Andoonii Oraa'olaa mallatteessifachuuf walii galterra gahe(The Athletic)✅️Daayretarri Ispoortii Liivarpuul...
02/06/2026

.
✴️Liivarpuul Andoonii Oraa'olaa mallatteessifachuuf walii galterra gahe(The Athletic)
✅️Daayretarri Ispoortii Liivarpuul Riichaardi Yiwuuz leenjisicha Anfiildi Rooditti fiduuf haasaa xumuruu odeeffanne.
✅️Lammii Ispaaniyaa kan tahan Andoonii Oraa'olaa teeknika hawwataa daawwachiisun cinaatti bu'aa akkaadaamitti leenjisaa amanani.
✅️Arnee Isloot garuu gochaaf jechi isaanii faallaa karoora Liivarpuul tahuutti utuu hin eegamin hojiirraa gaggeessun isaanii kan yaadatamuudha.
✅️Tapha jifattoota irratti ijaaramuun daqiiqawwan heddu dirree kilaboota faallaa irratti caalmaa fudhachuun taphatu barbaada Liivarpuul.
✅️Kanaaf leenjisaa ganna 43 Andoonii Oraa'olaa jijjiirraa bilisaan gara Marsisaayid kan fidan jedhamuun amanama.
✅️Milkaa'ina Boornimawuz keessatti galmeessan Liivarpuul keessatti irra deebi'u jechuun hawwiin eegamaa jiru.


❤️You'll Never Walk Alone
⚽️The Beautiful Game

.🙆‍♂️Nuunnoo Mendeez umrii 23 waancaawwan  19 argatee jira. ✅️Taphataa sarara bitaa Poorchugaal kilaba Paaris waliin qof...
31/05/2026

.
🙆‍♂️Nuunnoo Mendeez umrii 23 waancaawwan 19 argatee jira.
✅️Taphataa sarara bitaa Poorchugaal kilaba Paaris waliin qofa 14 argate.

.☑️Waggaa guutuu kilaboota 19 mataa walitti qabee irra deemee waancaa fudhate.☑️Kilaboonni 19'lanuu 'PSG' jala dhokachuu...
30/05/2026

.
☑️Waggaa guutuu kilaboota 19 mataa walitti qabee irra deemee waancaa fudhate.
☑️Kilaboonni 19'lanuu 'PSG' jala dhokachuun deeggaraa turan.''maaloo 'PSG 'takkittuma har'aa Arsenaal nuuf moo'adhu''jettaniin.
☑️Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa taphoota 15'nanuu daqiiqaa 90+ hin moo'amne.
🙆‍♂️Waggaa guutuu dabareen achi isin baasee isin garafaa ture rukuttaa Peenaalitiin kan inni moo'ametti gammaddu.
☑️Ayi Oromoo maannoo Ay Arsenaal orma iyyisiisteemii .Rabbi isin baraare lubbuun isinitti deebite.
🫰amma 'comment 'dubbisaa akkatti iyyaa jiran ilaalaa kunoo
🙆‍♂️Ee Miskiina wallaah jedhan Shee Amiin Ibroo

.🥰Kilabni Paaris 'PSG'n waggoota lama walitti aansuun shaampiyoonaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa taheera. ☑️Arsenaal ...
30/05/2026

.
🥰Kilabni Paaris 'PSG'n waggoota lama walitti aansuun shaampiyoonaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa taheera.
☑️Arsenaal waliin daqiiqawwan idilee qixaan xumuruun rukuttaa Peenaalitiin injifachuun milkaa'ee jira.
☑️Marsaa 16 Shaampiyoonaa kilaboota Addunyaa kan tahan Cheelsii injifachuun.
☑️Nuusa xumuraan Shaampiyoonaa Piriimiyer liigii Ingilaandi 2025'nii Liivarpuuliin injifachuun.
☑️Walakkaa xumuraan Shaampiyoonaa Bundesligaa Jarman kan tahan Baayermiyuunikiin injifachuun.
☑️Xumuraan Shaampiyoonaa Piriimiyer liigii Ingilaandi ka tahe Arsenaaliin injifachuun.


⚽️The Beautiful Game



.

30/05/2026

.
🙆‍♂️Barreeffamni'Inbox' tokko akkas jedha ''Maalif mataa jabaatta?sanuu deeggaraa Arsenaal taatee.''
☑️''Guyyaa akka kanaa irraa darbuu qabda.''jedha.
🥰Deebiin kiyya deeggaraa Arsenaal tahuu fi waa'ee kubbaa miilaa barreessun gar gari jedhaan.

.☑️Mee lakkoofsota kana jalaa eessumatti dhokanna?Kiiliyaan Empaappee 'PSG 'maaliif gad lakkise?moo baga gad lakkise?☑️R...
30/05/2026

.
☑️Mee lakkoofsota kana jalaa eessumatti dhokanna?Kiiliyaan Empaappee 'PSG 'maaliif gad lakkise?moo baga gad lakkise?
☑️Riyaal Maadriid waggoota lamaan Kiiliyaan Empaappee shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa 'Wof yellem'

Address

Adama
Shashemene

Telephone

+251919632863

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when The Beautiful Game posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to The Beautiful Game:

Share

Category