Ahmed Ahmed Hussein

Ahmed Ahmed Hussein Ahmed

01/03/2024

“Injifannoon Adwaa Eenyummaa Waloo Itoophiyaanotaa Bu’uura Cimaa Irratti Kan Ijaaredha” Shimallis Abdiisaa, PMNO
-----------
Seenaan kan dhugaa ba’u, addunyaanis kan beekuufi Afrikaanonni guutuunis faajjii godhannee kan ittiin dhaadannu, eenyummaa keenya dhugaas kan ittiin himannu Adwaa dirree Gurraachonni warra Adii itti injifatanidha.

Adwaan eenyummaa dhugaa Itoophiyaafi Itoophiyummaati. Ashaaraa gootummaa xiinsammuu keenya keessatti caafame, dhaqna keenya irratti qalama dhiiga abboota keenyaafi qubeessaa caba lafee gootota keenyaatiin kan bocame eenyummaa waloo dulloomuu hin dandeenye faajjii dhalootaa dhalootatti ce’ee jiraatudha.

Eenyummaan dhiigaafi lafeen ijaarame, birmadummaan gootummaan tikfame sun akka salphaatti kan galmaa’e miti. Qormaatota rog-daneessa keessaafi alaa akka abiddaa saafaa boba’u kan dhaamse, injifannoo guddicha madaala garaa garummaa gurraachaafi adii jijjiire kan nu dhaalchise, humna sabdaneessummaa obbolummaa irratti ijaaramedha.

Waggoota 128 dura ture warri Adiin Gurraachota Afrikaa gabroomsanii qabeenya uumaan Afrikaanota badhaases qircachuuf sagalee tokkoon kan waliigalan. Waliigalteen warra Lixaa Afrikaa gabroomsuu yaadaan caaseffameefi waraqaa irratti qalamaan katabame gochatti wayita jijjiiramu garuu dubbiin akka yaadan osoo hin taane faashistii Xaaliyaanii gabroomsaaf dhufe Itoophiyaanonni akka kanniisa gaagura keessaa dhangala’eetti itti timmisuun waaroo salphinaa itti uwwisanii ofirra deebisan.

Labsiin diina dura dhaabbachuu akkuma labsameen gootonni Itoophiyaa Kaabaa hanga Kibbaa, Bahaa hanga Dhihaatti garaa garummaa eenyummaa, afaaniifi amantaa akkasumas komee sirna bulchiinsaa irraa qabaniin osoo hin daangeffamiin wareegama qaalii kaffaluuf kan manaa baase jaalalaafi kabaja biyyaati.

Faashistoonni meeshaa waraanaa jabanaa akka abiddaa waaqaafi lafarraa roobu hidhatanis onneefi gootummaa Itoophiyaanotaa injifachuu hin dandeenye. Dawoo cimaa ijaarratee baandaawwan bu’aa dhuunfaan biyya jijjiiran qindeessus tooftaa qondaaltota waraanaa Itoophiyaa jalaa miliquufi tokkummaa onnee jabaafi gootummaan ijaarame damdamachuu dadhabuun akka deebi’ee hin kaanetti burkutaa’e.

Saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa gootota isaaniin qindeeffamanii, Eeboofi Gaachana hidhatanii Fardaafi lafoon hiriiruun diina dura dhaabbatan gootota gaafa xiiqii kabaajaafi ulfina biyyaa ol qaban yeroo hundumaa Adwaa waliin yaadatamaafi leellifamaa jiraatu.

Oromummaanis ta’e Itoophiyummaan gootummaa keenya yeroo hundaa jabina keenya ittiin dhaadannudha. Kabajamaa uummata Oromoofi lammiileen Itoophiyaa biyya keessaaf biyya alaa jiraattan hundi baga guyyaa seena qabeessa Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun barbaada.

Injifannoon Adwaa qaama seenaa taatee yeroo tokko ta’ee darbe qofaatti kan ilaalamu osoo hin taane, sanaa olitti hiikoo guddaa kan nuuf qabudha. Seenaa waloo qabeenya dhaabbataa dhaallee dhaalchifnu hunda keenyaaf kan ijaare, hariiroo obbolummaa keenya cimsee walitti hidheefi tokkummaa biyyaalessummaa keenyatti kabajaaf ulfina horedha.

Yeroo Adwaan yaadatamu kan hunda dursa hubannu garaa garummaarra tokkummaa, jibbarra jaalalli, diigamuurra ijaaramuun mo’ataa ta’uu isaati. Oromoon Itoophiyaa ijaaree kabajaafi ulfina itti horuuf wareegama qaalii akkuma kaffale, har’as gootummaa isaa kaleessaa itti fufsiisuun gootota Itoophiyaa biroo wajjin ta’ee adda durummaan biyya hundaaf taatu, hundaarraa hundaaf ijaaraa jira.

Har’a aggaammii keessaa fi alaa kamiyyuu qolachuu dandeenya. Keessumattuu, qormaanni keenya hamaan finxaalessummaafi hiyyummaa ta’us, kanneen lamaan isaaniiyyuu injifannee akka darbinu shakkii hin qabu. Meeshaa waraanaatiin qofa osoo hin taane duudhaa mariifi ejjennoo cimaa hojii misoomaa irratti jalqabne cimsineefi humna sabdaneessummaa ijaaraa jirrus fayyadamnee injifachuu akka dandeenyus ni beekna.

Imalli badhaadhinaa eegalle amansiisaadha; waanjoo hiyyummaafi duubatti hafummaa burkuteessinee akkuma abboota keenyaa injifannoo galmeessinee birmadummaa keenya guutuu ni taasifna.

Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Guraandhala 22/2016
Finfinnee

Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/results...
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

30/10/2023

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Dachasa Dufera, Geme Haso, Ishetu Husen, Kedir Ka Tuke Hayitu, Tulluu Ilma Anshaa Abdii, Falmee Muhamed

Health related Education
20/05/2022

Health related Education

TIKVAH-ETH:  !የኮሮና ቫይረስ ክትባት ጉዳይ ለዓለማችን ተስፋ ሰጪ ቢሆንም በየዕለቱ በኮቪድ-19 የሚያዙ እንዲሁም በበሽታው የሚሞቱ ሰዎች ቁጥር በእጅጉ እየጨመረ ነው።ለምሳሌ ትላንት ...
10/12/2020

TIKVAH-ETH:
!

የኮሮና ቫይረስ ክትባት ጉዳይ ለዓለማችን ተስፋ ሰጪ ቢሆንም በየዕለቱ በኮቪድ-19 የሚያዙ እንዲሁም በበሽታው የሚሞቱ ሰዎች ቁጥር በእጅጉ እየጨመረ ነው።

ለምሳሌ ትላንት ብቻ ፦

• በአሜሪካ 3,265 ሰዎች ሲሞቱ 226,953 ሰዎች በቫይረሱ መያዛቸው ታውቋል።

• ብራዚል ውስጥ 848 ሰዎች ሲሞቱ 54,203 ሰዎች በቫይረሱ መያዛቸው ተረጋግጧል።

• ሜክሲኮ ውስጥ 800 ሰዎች ሲሞቱ 11,006 ሰዎች በቫይረሱ መያዛቸው ታውቋል።

እንዲሁም ሩሲያ 559 ፣ ጀርመን 543 ፣ ፖላንድ 568 ፣ ጣልያን 499 ፣ UK 533 ሰዎች ሞተውባቸዋል።

በአጠቃላይ በአሁን ሰዓት በዓለማችን በኮቪድ - 19 የተያዙ ሰዎች ቁጥር ወደ 70 ሚሊዮን ተጠግቷል ፤ ከ1.5 ሚሊዮን በላይ ሰዎች ሞተዋል ፤ ከ48 ሚሊዮን በላይ ሰዎች ከበሽታው አገግመዋል።

* የቁጥራዊ መረጃ ምንጭ (worldometers)

20/11/2020

Alhamdulillahi Alhamdulillahi

03/11/2020

Covid 19 pandemic virus attack many people in world

27/05/2020
Ethiopia coronaan afaan banee itti as deemutti jiraBiyyoota ollaa keennaa KeniyaaSudanJibuutiiDaraan dabalaa deema jiraa...
06/05/2020

Ethiopia coronaan afaan banee itti as deemutti jira
Biyyoota ollaa keennaa
Keniyaa
Sudan
Jibuutii
Daraan dabalaa deema jiraachuun isaa yaaddodha

Yaa Allah save World people
30/03/2020

Yaa Allah save World people

Address

Shashamannee
Shashemene
001100

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed Ahmed Hussein posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category