M- Walaabuu Sport press

M- Walaabuu Sport press Always Only sport yeroo hundaa waa'ee spoortii qofa

Cheelsiin guyyoota muraasa keessattiErling Haland mallatteessisuuf gaaffii pawundiimiliyoona 130 qabatee ni dhiyaata jed...
25/07/2021

Cheelsiin guyyoota muraasa keessatti
Erling Haland mallatteessisuuf gaaffii pawundii
miliyoona 130 qabatee ni dhiyaata jedhamee eegamaa akka
jiru barruun dhimma chelsea irratti barreessu ifomsee jira.
Cheelsiin hanga ammaatti kan inni gaaffii warra
Dortmond f hin dhiyeessin tureef akkuma beekamu borusia
dortmund bakka erling haland buufachuuf kilaba psv irraa
taphataa akka ajaayibaa malenin jedhamu bituuf waliin
marihachaa waan turaniif ture warri psv taphaticha gurguruuf
fedhii waan hin qabneef gatii isaa Dortmund tti mi'eessanii
rakkisaa turan. Ammaan kana garuu dhimmicha xumuruuf
waliigalteerra gahaniiru. Kanaaf chelsea n wanta kana eegaa
jira.
Cheelsiin osoo Dortmond gaafatee
Dortmund fedhii akka hin qabnes tahe tole kan jedhus tahe ifa
ta 'a
ture,
Amma Chelsean gaaffii beeksisaa
Dortmundiif miliyoona 130 dhiyeessuu qofatu hafa.
Dortmund gaaffii kana kan kuffisu yoo tahe chelsea n tooftaa
dabalataa ittiin halandiin gara Stamford bridge tti
konkolaachisu qopheessee jira. Innis:
Kaffaltii dabalataa ykn Bonus isa jedhamu qopheessee
jira.Cheelsiin Boonus kanas akka armaan gadii kanatti
kaffala
@
1. yoo waancaa priimeer liigii fudhate pawundi
miliyoona 5 ,
2.yoo waancaa
chaampiyoons liigii argate pawundi miliyoona10 ,
3.yoo halland walitti fufiinsaan hiriiree taphate pawundi
miliyoona 5
4.Hammeentaa Gooli, inni galchu irratti hundaa'uunis pawundi
miliyona 5 kaffaluuf karoorseera.
@
Amma wanti chelsea tti gufuu tahuu dandaha jedhamee
sodaatamaa ture waahee dhimma Abbaa isaa fi bakka bu 'aa
isaa mino Raayoolaa ture. Garuu dhimma kana immoo Roman
abramovic baajeta kilaba chelsea tti osoo hin buhin kiisii
isaaniitti murteessuun addatti abbaa isaa fi mino rayolaf
pawundii miliyoona 40 lachuuf murteessaniiru.
Wanti kunis kan yaadameef yoo FIFA n seera baasii maallaqaa
humnaan ol baastan jedhee Cheelsii kan adabuuf hojjetu tahe
hambisuuf yaadamee kan karorfameedha. Kun immoo
Cheelsiin hin adabsiisu .

Odeeffannoo Jijjiirraa Taphattootaa irratti MiidiyaaleenAddunyaa Maal Hasaasaa Oolan Kan Jedhuuf Kunooti.Arsenaal Taphat...
25/06/2021

Odeeffannoo Jijjiirraa Taphattootaa irratti Miidiyaaleen
Addunyaa Maal Hasaasaa Oolan Kan Jedhuuf Kunooti.
Arsenaal Taphataa sarara ittisaa gidduu ganna 23 Lammii
ingilaandi Biin Waayit qarshii mil,50'n fudhachuuf qarqara
ga'uu miidiyaaleen hedduun gabaasaati jiru
Liivarpuul taphataa xayyaara lafaa cimaa lammii faransaay
Kiiliyaan Mabappeen erga kilabicha gad lakkisuuf murteesse
booda akka haarawatti pii-essi jii waliin haasawa eegaluu
dhageenye
Maanchistar sitiin taphataa sarara gidduu cimaa lammii
ingilaandi Jaak Gireelish Astoon viillaa irraa qarshii mil,100'n
ganna kana fudhachuuf walii galtee irra ga'aa jiraachuu
miidiyaaleen amanamoon ibsaati jiru
Liivarpuul Johan Jiinn Astoon viillaa irraa fudhachuuf
mariin torbee darbe eegale akkuma itti fufetti jira jedhameera
Cheelsiin taphataa sarara ittisaa lammii faransaay Julees
Kundee Siiviyaa irraa fudhachuuf maan yuunaaytid waliin
morkii cimaa keessa kan ture yoo ta'u ammatti seexanoota
morkiin ala taasisuun dursaa jiraachuutu gabaafame
Arsenaal taphataa cimaa sarara gidduu Reensi Iduwardoo
Kafavingaa fudhachuuf kilabichaaf gaafii dhiyeessera
Dhukaastonni Taphataa sarara gidduu Saasuloo Maanu'eel
lokaatelii fudhachuuf yaaliin taasisaa ture Juuventuusiin
harkatti fashalaa'eera
Baarseeloonaan Joordii albaa inter miilaaniif kennuun
Alesaandiroo baastonii fudhachuuf marii eegaluu dhageenye
Maanchistar yuunaaytid jadan sanchoo kan fudhatan
taanaan jeesee lingaardi weestihaamif kennuuf akka
dirqamantu ibsame
Liivarpuul taphataa sarara ittisaa isaanii Naat filipsi qarshii
mil,15 yoo argatan kan gaggeessan ta'uu himaniitu jiru
Liyoonel meesiin walii galtee haarawa baarseelonaa waliin
mallatteessuuf wal ta'uun gabaafameera
Cheelsiin Erliingi Haalandi kilabii isaaniin dorgomuun
malee kophaa isaanii kilabichaa waliin dubbii bilcheessaa
jiraachuun ifoome
Maan sitiin harii keen fudhachuuf gaafiiwwan gara garaa
hedduu filannoowwan babbareedoo waliin marsaa 4ffaaf
gaafii haarawa tootenhaamiif dhiyees

O D U U J I J J I I R R AManchester City rikardii primiyer liigiitiin Jack grilishmallatteessifachu yaadaa jiruMancheste...
22/06/2021

O D U U J I J J I I R R A
Manchester City rikardii primiyer liigiitiin Jack grilish
mallatteessifachu yaadaa jiru
Manchester United poul Pogba taphata olaana miinda
primiyer liigii kafalamuuf gochuufi. Kontiraata Wagga afuri Fi
yuro 400,000 torbanitti Kan itti argatu dhiheessuufi
Leenjisan Liverpool haala taphata hiddaan eritira real
soshidad keessa taphatu Alexander isaq hordofaa jiru
Cheelsonnis taphata real soshidad kana fudhachuuf yuro
mil.70 dhiheessuufi.
Barcelona taphata sarara ittisa atalaantaa Ruben gosens
fudhachuuf Qophii irra jira
Arsenal jijjiirra Albert sambi fixuuf itti dhihaataniiru. Gurba
ganna 21 kana dhimma dhunfan walii galaniiru kilabichaaf yuro
mil.15 nii kafalu
Wolvis Tapha cheelsii Fi Atletico Madrid duraanii Diego
kosta mallateessifachuuf ilaalaa jiru taphataan Kun yero Amma
kilaba hin qabu
Manchester City Bernardo Silva Fi jao filix Wal jijjiiru akka
yaadani Fi qarshiis irra kaa'uuf akka ta'etu himama
Manchester United taphatoota Isa Branden Williams fi
Alex tuanzebe Wagga dhufuuf kilaba premier liigii biraaf liqaan
kennu barbaada
Atletico Madrid Paulo dibala fudhachuuf liqaan Kan
kennan alvaro morata Fi qarshii dhiheessuufi
Manchester City Sergio Ramos fudhachuuf dursaa jiru
Donaruma har'a qoranno fayya yoo xumuru hanga 2026tti
nii mallatteessa jedhameera
Rafael varane kontiraata Wagga 2 real Madrid irra
dhihaateef Erga kufa godheen booda bakka bu'aan Isa Torban
dhufu hooggantoota United waliin mari'atu jedhameera. Garu
PSG barbaada taphaticha ta'e as ba'eera
Qophii keenya share godha deeggartoota sportii Kan biro Kara
keenyaatti nuuf affeera

Waa'ee Jijjiirraa Irratti Miidiyaaleen Maal Jedha kanjedhuuf Kunooti,Maan sitiin yaalii xumuraa Tootenhaamiif Gatii Hari...
20/06/2021

Waa'ee Jijjiirraa Irratti Miidiyaaleen Maal Jedha kan
jedhuuf Kunooti,
Maan sitiin yaalii xumuraa Tootenhaamiif Gatii Harii keen
qarshii mil,100 qopheessuun gaafii dhiyeessaniiru
Arsenaal gaafii Jijjiirraa ismiiz roowiif viillaa irraa dhiyaate
kufaa taasisaniiru
Maan yuunaaytid erga gatiin saanchoof dhiyeessan mil,75
kilabichaan harkatti kufaa ta'e booda qarshii mil,90 harkatti
qabachuun mariitti gadi jedhaniiru
Maan yuunaaytid Paawul poogbaa waliin walii galtee
haarawa hanga bara 2025'tti kilabicha waliin isa tursiisu
mallatteessisuuf marii eegaluutu dubbatamaa jira
Riyaal maadirid Dominik kaalverti leewin ganna kana
fudhachuuf evartan waliin marii eegaluu dhageenye
Paarsen jarmaan Maan yuunaaytid waliin dorgommiitti
galaniiru sababniis taphataa GB ingilaandi Keeraan Tiriipper
fudhachuuf ta'uu hubanneerra
Taphataan GB Iskootlaandi Keeraan teernee walii galtee
waggaa 5'nii dhukaastota waliin mallatteessuuf qarqara
ga'uun ifa ta'eera
Cheelsiin Looftuus cheek dhabuun Hakiimii argachuuf
murteessaniiru. Azbulukeettaan nagaya dhaammateera
jedhame
Riyaal maadirid Lukaa joovich qarshiitti jijjiiruuf of
qopheessuu dhageenye
Maan yuunaaytid Lukaa joovich loos bilaankoo irraa
fudhachuuf cheelsii dursuun gaafii dhiyeesseera
Liivarpuul taphataa sarara fuulduraa lammii Gaanaa Abdul
Fattaa jedhamu Istiid Faasti irraa qarshii mil,15'n
mallatteessifateera
Arsenaal taphataa sarara fuulduraa lammii poorchugaal
Andiree silvaa fudhachuuf fedhii qabaachuu dhageenye
Dhukaastonni taphataa sarara ittisaa mirgaa Joonjoo
Keenii fudhachuuf Eevartan waliin mariitti jiraachuutu
gabaafame

Ramaddiin Tapha premier liigii ingiliz bara dorgommiihaaraa 2021/22 Guyya har'a ifa ta'eeraKanaanis Taphni baniinsaa tok...
16/06/2021

Ramaddiin Tapha premier liigii ingiliz bara dorgommii
haaraa 2021/22 Guyya har'a ifa ta'eera
Kanaanis Taphni baniinsaa tokko Fi guyya 28 booda Kan
eegalu ta'a
Kanaanis Tapha jalqaba torbaan kilaboonni morkattoota
cima qaban akka kanaa gadiitti jiru
Manchester City kilaboota inni tapha 7n dura waliin
taphatu
Tottenham,arsenal,Lester,chelsii Fi Liverpool
Cheelsii kilaboota inni waliin ramadame
Arsenal, tottenham, Liverpool, Manchester City
Liverpool kilaboota inni waliin ramadame
Manchester City, Arsenal, cheelsii
Faallaa jara Manchester United morkattoota cimoo Tapha
torban jalqabaan hin keessummeessu
Eentu injifata?

Oduu Isportii Waxabajjii 15,2021****************************Kiristiyaanoo Ronaaldoo kontiraatni waggaa tokkoo Juveentusw...
15/06/2021

Oduu Isportii Waxabajjii 15,2021
****************************
Kiristiyaanoo Ronaaldoo kontiraatni waggaa tokkoo Juveentus
waliin isaaf hafus, carraa gara Kilaba biraa deemuu yoo
argame, jijjiirraa taasisuu akka danda’u beeksise. Ronaaldoon
ibsa gaazexeessitootaaf waldorgommii waancaa
Awurooppatiin dura kenneen, waggaa dheeraaf sadarkaa
gurguddaarratti taphadheera. Kun ammoo na hin
dadhabsiisne. Amma Umriin kiyya 36. Ta’us kara biraatis
deemee, ykn asitti hafee taphachuu kiyya itti fufa jechuun
dubbate.
======================
Boruushiyaa Dortmund fi Manchastar Yunaaytid dhimma
Jeedan Saanchoorratti walii galuun itti ulfaateera. Ta’us
Saanchoon jijjiirraa ganna kanaatiin taphataa Maanchastar
Yunaaytid ta’a jedhamee eeggama. Dortmund kaffaltii
paawundii miiliyana 77 fi boonasii barbaada. Maanchastar
ammoo paawundii miiliyana 67 kaffaluu barbaada.
======================
Chalsiin jijjiirraa ganna kanaatiin Jack Giriilish gara Istaamford
biriij fiduu danda’a. Romaan Abraamoovich ganna kana
mallaqa hedduu Tomaas Tukheeliif kennuu murteesseera.
Kanaanis Chalsiin taphattoota akka Erling Braut Haalaand fi
kanneen birootis ni mallatteessisa jedhamee eeggama. Gama
biraatiin kilaboota Maanchastar lamaan injifatuunis Jack
Giriilish gara London fiduudhaaf carraan bal’aan isaaf
kennameera.
======================
Jijjiirraan Giraanit Xhaakaa gara Roomaa taasisu yeroof addaan
cituun isaa gabaafame. Leenjisaa Haarawa Roomaa ta’uun kan
muudame joozee Mawriinhoo Zhaakaan taphataa jalqabarratti
barbaadu akka ta’u dubbatee ture. Arsanaalis taatu zhaakaa
gurguruu fedha qaba. Haa ta’u malee kaffaltiin Roomaan yeroo
3 dhiheesse Arsanaaliin kuffifameera. Arsanaal Paawundii
miiliyana 17 kan barbaadu yoo ta’u, Romaan garuu paawundii
miiliyana 12.8 ol kennuu dideera.
======================
Niwkastil Yunaaytid, taphataa sarara ittisaa Livarpuul, Nat Filips
jijjiirraan fudhatuudhaaf morkii keessa seeneera. Barnleenis
kilaba taphataa kana barbaaduudha. Taphattoonni akka Varjil
Vandaayik, Joe Gomes

Oduu Isportii Waxabajjii 14/2021***************************Leezistar Siitiin taphataa sarara jidduu Baarselonaa Filippee...
14/06/2021

Oduu Isportii Waxabajjii 14/2021
***************************
Leezistar Siitiin taphataa sarara jidduu Baarselonaa Filippee
Kotinhoo gara Ingliiz deebisuu karoorfateera. Akka
gabaasaaleen jedhanitti, Lezistar Siitiin taphataa Liivarpuul
duraanii kanaaf kaffaltii paawundii miiliyana 17 kaffaluuf ykn
ammoo ergisaan fudhatuu yaada qaba.
===============================
Lids Yunaaytid, taphataa sarara ittisa-bitaa kilaba Liyoon,
Makswel Korneet mallatteessisuu barbaada. Haa ta’u malee
mallaqni Paawundii Miiliyana 20 gaafatame itti qaalawuu mala.
===============================
Leenjisaan Riyaal Maadrid, Kaarloo Anchalootii, taphataa
sarara fuulduraa Chalsii, Timoo Varnar akka gara Santiyaagoo
Barnaabiyoo dhufu hooggantoota Riyaal Maadrid gaafateera.
===============================
Huwaan Maataan taphataa Maanchastar Yunaaytid ta’ee itti
fufuu yoo barbaade, miindaa Torbaanitti isaaf kaffalamu
hir’isee kontiraata haarawa mallatteessuuf walii galuu akka
qabu itti himameera. Yeroo ammaa kana torbaanitti Paawundii
170,000tu isaaf kaffalama. Kanaafuu Oldtraaford keessa turuu
fedha yoo qabaate, miindaa isaa 70,000 irraa hir’isee
100,000’n walii galuu qaba.
===============================
Leenjisaan Arsanaal, gooli eegaa cimaa yoo argate, Barnd
Leenoo gurguruudhaaf qophaayeera. Dogoggorrii Lenoon
yeroo tokko tokko raawwatu Arsanaal qabxii hedduu akka
dhabu isa taasiseera.
===============================
Chalsiin taphataa sarara ittisaa Intar Miilaan, Ashraf Hakiimii
jijjiirraan gara Istaamford Biriij fiduuf sochii taasisaa jiru
cimsee itti fufeera. Jijjiirraa taphataa kanaatiifis Paawundii
Miiliyana 43 fi Emersan Palmiyeerii, Intar Miilaaniif kennuuf
qophaayeera.
===============================
Livarpuul taphataa sarara ittisaa Juventus, Kiristiyaan Romero
gara Anfild jijjiirraan fiduuf sochii eegaleera. Romeron bara
dabre Atalantaaf ergisaan taphatee sochii cimaa taasisee ture.
Gara Maanchastar Yunaaytid jijjiirraa ni taasisa jedhamee
eeggamsu, amma garuu taphataa kana fudhachuu

10/06/2021

Oduu Ispoortii Waxabajjii 9/2021

**************************
Chalsiin taphataa sarara ittisaa gama mirgaa Intar Miilaan, Ashraf Hakiimii jijjiirraan fudhachuu akka barbaadu beeksise. PSGiinis taphataa kana fudhatuudhaaf haasawa jalqabeera. Intar Miilaan taphataa kanaaf Yuuroo Miiliyana 80 gaafate. PSGiin Yuuroo Miiliyana 60 dhiheesse. Kan Chalsii eeggamaa jira.

===================

Leenjisaan Livarpuul fi Niwkaastil duraanii, Rafaa’el Beniteez, Namoota Evartan akka leenjisan kaadhimaman keessaa tokko ta’uun beekkameera. Kaarloo Anchalootii Evartan gad lakkisuu isaa hordofee, kilabichi barbaacha leenjisaarratti argama.

===================

Baarselonaan taphataa sarara qarqaraa Maanchastar Siitii, Raahiim Istarliing gara Nuu Kaamp fiduudhaaf fedha guddaa qaba. Osmaan Dembelee kontiraata isaa dheeressuu yoo dide Istarliingiin bakka buufamuu danda’a jedhameera.

===================

Totanhaam Hotspar taphataa sarara qarqaraa Borushiyaa Moncheglaadbackh, Maarkas Turaam gara London fiduudhaaf haasawa jalqabeera.

===================

Gooli eegaan Maanchastar Yunaaytid, Deevid Dee Hiyaa, bara wal dorgommii itti aanus Maanchastar Yunaaytid waliin turuu danda’a jedhame.

===================

Arsanaal wal morkii taphataa sarara ittisaa Biraaytan, Ben White, mallatteessuuf godhamutti makameera. Livarpuul, Totanhaam fi Maanchastar Yunaaytid warra taphataa kana barbaadaniidha. Taphatichi paawundii Miiliyana 50tti tilmaamameera.

===================

Westham taphataa Maanchastar Yunaaytid, Jeessee Lingaard jijjiirraan fudhatuuf sochii cimaa taasisaa jira. Lingaard jijjiirraa ji’a Ammaajjiitiin ergisaan gara Westham eega deemeen booda sochii cimaa taasisaa ture.

===================

PSGiin Osmaan Dembelee, Baarselonaa harkaa fudhatuu barbaada. Wal dhibdeen kilaboota lamaan jidduu jiru cimee itti fufeera. Dhihoo kanatti taphataa Livarpuul, Jorjiniyoo waaynaaldam funyaan Baarselonaa jalaa fudhataa kan jiru PSGiin, amma ammoo Osmaan Dembelee harkaa fudhatuuf sochii eegaleera.

===================

Arsanaal, taphataa sarara jidduu Wolvs, Ruban Neves fudhatuuf mallaqaan cinatti taphataa kennuuf qophaayeera. Wolvs jijjiirraa Nevesiif paawundii miiliyana 35 gaafate. Arsanaal ammoo Ensley Meytland Naayls kennuudhaan mallaqa gad hir’isiisuu barbaada.

Odeeyfannoo haarawaaf fuula Facebook keenya https://www.facebook.com/sinbirtuu Like godhuun nu hordofaa
Dabalataa Telegram https://t.me/sinbirtuu makamaa

31/05/2021

M- Walaabuu Sport press
Deebi'aa jira!

Join the 'yoyyaa' League and play the Champions Fantasy with me:
29/05/2021

Join the 'yoyyaa' League and play the Champions Fantasy with me:

Come play this fantasy with me and prove you're a great coach!

11/05/2021

Nutti warra

👇👇👇👇👇👇👇
01/05/2021

👇👇👇👇👇👇👇

Address

Long
Nekemte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when M- Walaabuu Sport press posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category