22/08/2021
Bara Haaraa
Ilaalcha Joobiraa Qabaachuu
(Kanin dubbise irraa)
Bara haaraa dhufaa jiru kanatti akka isin ilaalcha Joobiraa horrattanin isiniif hawwa. Ilaalchi Joobiraa maal-fakkaata warra jettaniif:-
1faa: Qophaa isaa samii keessa ol-fagaatee balali’a
• Simbirroota biroofi xixiqqoo waliin hinbalali’u,
• Joobirri joobira waliin balali’a
Kanarraa maal barattaa?
• Namoota ilaalcha dhiphaafi gad-aanaa qaban irraa fagaadhu, Kaayyookee guddaarraa gad-sibuusuuti.
• Namoonni har’a naannoo kee jiran, eenyummaakee boori waan bocaniif, hidhata toli,
• Namoota ilaalcha gaarii qaban waliin maxxana godhadhu, dhaabbii toli.
2ffaa: Mul’ata qaba
• Waan barbaade/adamsu fageenya 5km keessatti arguu danda’a,
• Hamma waan qabachuu barbaade biraan ga’utti ija isaa irraa hinbuqqifatu
Kanarraa maal barattaa?
• Mul’ata qabaadhu, Hammam qorumsa qabaatuyyu isarraa ijakee hinbuqifatiin,
• Harka hinlaatiin, ni injifatta.
3ffaa: Hinsodaatu
• Joobirri guddinaafi ulfaatina bineensa adamsuuf harka hinlaatu
• Hanga nyaata godhatutti falmata, harka hinlaatu
Kanarraa maal barannaa
• Hamma fedhe rakkoon kee guddaafi ulfaataa ta’uyyu, rakkoo sodaatte irraa hindheessiin, harka hinlaatiin, itti adeemi
• Abjuu sodaatanii irriba hindhiisan
4ffaa: Cimuu/ being tenacious
• Joobirri yeroo qilleensi cimaafi hurriin uumamu ittiin bu’aara,
• Dumessaafi qilleensa cimaa olitti koochoo isaa diriirsee balali’a,
• Simbiroonni kaan dammeefi baala mukaa jalatti of-dhoksu,
Kanarraa maal barannaa
• Namoonni ilaalcha mo’ataa qaban rakkoo hinsodaatan,
• Rakkoo akka carratti fayyadamuun waanta fooyya’aa ta’e uumuu
• Isa nyaatu keessaa nyaata baafatu akkuma Saamson
5ffaa: Waan du’aa hinnyaatu
• Joobirri waan ofii ajjeese malee du’aa hinsooratu
Kanarraa maal barannaa?
• Injifannoo/fiixaan ba’umsa kee yeroo darbee irratti hinxiyyeeffatiin,
• Mo’umsa/fiixaan ba’umsa haaraaf qophaa’i
• Seenaa darbe odeessuu keessaa ba’ii waan caalu hojjedhu,
• Daangaa injifannoo kee baballifadhu
6ffaa: Waan haaraa Shaakaluuf qophaa’i
• Joobirri mana isaa irraa waanta lallaafaafi mijaataa ta’an kan akka margaafi koochoo nidhabamsiisa,
• Cuucoliin isaa balali’uu akka shaakalaniif, mana isaa keessa qoraattii naqa, mucooliinis waan isaan waraanuuf mana dhiisanii balali’uu jalqabu
Kanarraa maal barannaa?
• Jireenya kee keessatti jijjiirama arguuf, haala mijataa keessaa ba’uun waanta haaraa guddinaaf ta’u shaakaluu qabda(beela’uu, daaruu, dheebochuu, irriba dhabuu)
7ffaa: Of-haaressuu
• Joobirri yeroo dulloomu, koochoon isaa nidadhaba, gara fedhetti isaa fuudhee hindeemu, waan barbaade ari’ee/adamsee qabachuu isa dhorka, du’aaf isa saaxila
• Kanaaf, gara tulluutti fagaatee deemuun, koochoo, qeensaafi biikkii(beak) dhagaatti rurukkutee ofirraa cira.
• Adeemsa kanaan dhagni isaa baay’ee dhiiga, dhukkubbii cimaa qaba,
• Erga ofirraa waanta dulloome yaasee booda, hanga bakkatti isaaf deebi’utti mana isaa keessa tura
• Isa booda, erga koochoo haaraa, qeensaafi biikkii haaraa biqilchaatee booda gara jiruufi jireenya isaatti haara’ee deebi’a
Kanarraa maal-barannaa
• Hammam ulfaatuyyu, Amaloota keenya dulloomoofi rakkisoo ta’an ofirraa ciruu qabna,
• Ilaalcha/dubbii jireenya keenyaaf faayidaa hinqabne irraa fagaachuu qabna,
• Namoota/hiriyyoota jireenya keenyaaf miidhaa malee faayidaa hinqabne irraa fagaachuu qabna.
Waan yeroo fudhattanii dubbiftaniif galatoomaa. Yoo kan fayyadu ta’ee argitan hiriyyoota keessaniif qoodaa.