03/04/2026
π¨ : Biqilaa Dirribaa Gara B.M. Dilksisitti! π¨
βLiigiin Guddichi Naannoo Oromiyaa (Oromia Premier League) marsaan 2ffaan hawwii guddaan eegamaa jiru, gaafa guyyaa 27/07/2018 Magaalaa Naqamtee, Istaadiyeemii Wallaggaatti akka jalqabu ni beekama.
βMorkii kanaan walqabatee, Kilabni Kubbaa Miillaa B.M. Dilksis piriimer liigichaa qabxii 3'n dorgomtoota isaa irra fagaatee dursaa jiru olaantummaa isaa caalaatti cimsachuuf tarkaanfii cimaa fudhateera.
ββ½ βKilabni B.M. Dilksis liigicha sadarkaa 1ffaan xumuruuf karoora qabate galmaan gahuuf, sarara gidduu irratti taphataa murteessaa fi furtuu kilabii keenyaa kan ta'e Biqilaa Dirribaa waamicha taasiseefii gara kilaba isaatti fudhatera.
β£ βErgaa Maatii Kilabii B.M. Siree Irraa taphataa keenya jaallatamaa Biqilaa Dirribaaf carraa gaarii hawwina! Bakka dhaqxu hundatti milka'inni siif haa baay'atu. Gumaacha kilabii keenyaaf goote hundaaf galatoomi!"
β£ βAkkuma beekamu, kilaboonni liigii kanaan 1ffaa hanga 4ffaan xumuran βAmbaasaaddara Naannoo Oromiyaa ta'uun filatamu.
βShaampiyoonaa Kilaboota Itiyoophiyaa irratti hirmaachuuf carraa ni argatu.
βπ’ Jaallattoonni fi deeggartoonni Kilabii Kubbaa Miillaa Bulchiinsa Magaalaa Siree, taphataa keenya Biqilaa Dirribaaf "Milkaa'i!" jechuun yaada keessan comment irratti kennaafii! π
β Success