07/03/2023
ODAA
Yeroo Bonni dhufee,
biqilaan manca'u.
Mukken jajjabooraa,
baalli yoo harca'u.
Gonkumaa dheebottee,
bishaan hin gaafattu.
Damee gogaa taatee,
baala hin harcaafattu.
Gannas yandoon roobe,
gaafa buusu cabbii,
Bakakkaaf sin Kennu,
si qusata Rabbi.
Ittumaa Lalistee,
bargaagdee jiratta.
Simbirrootaf man'ee,
nuuf gaaddisa laatta.
Galma yaa'ii sabaa,
gaafa marii Gadaa.
Oromoon sin qabaa,
jiraadhu yaa Odaa!