22/08/2026
Barattoonni 70,544 qabxii seensa yuunivarsiitii fiduu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksise.
Barattoota Kutaa 12ffaa bara kana qormaata Seensa Yuunversiitii fudhatan 550,210 keessaa barattoonni 70,544 qabxii seensa yuunivarsiitii fiduu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Ministeerri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa bu'aa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ilaalchisee ibsa kennaniin bara kana bu'aan fooyya'aan galmeeffamuu ibsaniiru.
Bara kana barattoota qormaata fudhatan keessaa kan darbuu danda'an barattoota 70,544 qofa ta'uu addeessaniiru.
Barattoota qormaata fudhatan keessaa dhibbeentaa 12.8 kan ta'an qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol fiduu isaanii ibsaniiru.
Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara kanaan barattoonni 563,960 kan galmeeffaman ta'us, barattoonni 550,210 qormaaticha fudhachuun eerameera.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee barattoota dhibbeentaa 32.3 dabarsuudhaan sadarkaa duraa irratti argama jedhaniiru.
Barattoota bara kana qormaata fudhatan keessaa dhibbeentaa 62 kan ta'an toora interneetiin (online) qoramtaniiru.
Bara barnootaa 2018 keessatti walumaagala barattoonni 563,501 wiirtulee qormaataa 607 keessatti kan qoraman majandhaan, qormaatichis marsaa 6n kennamuu yaadachiisaniiru.
Mannan barnootaa 88 barattoota isaanii hunda kan dabarsan pan ta'u, mannan barnootaa 565 immoo barataa tokkollee dabarsuu akka dadhaban ibsaniiru.
Barattoota darban keessaa saayinsii uumamaatiin dhibbeentaa 16.5 yemmuu ta'an, saayinsii hawaasaatiin immoo dhibbeentaa 8.33 ta'uu addeessaniiru.