14/06/2025
Tapha Guutuu Itoophiyaa 6ffaa, Jimmatti!
6ኛው መላው ኢትዮጵያ ጨዋታ በጅማ!
Taphni Guutuu Itoophiyaa Marsaa 6ffaa Waxabajjii 10 hanga 19/2017 ALI magaalaa Jimmaatti gaggeeffama. Waggoota dheeraadhaaf addaan citee kan ture dorgommiin kun barana xiyyeeffannoo argatee haala ho'aadhaan gaggeeffamuuf qophiin xumurameera. Bulchiinsi magaalaa Jimmaas saganticha milkeessuuf qophii xumureera.
Kanumarraa ka'uudhaan hawaasni magaalaa Jimmaa fi naannawaa ishee keessummootaafi ispoorteessitoota kutaalee Itoophiyaa hundarraa dhufan akkuma kanaan duraa simatee keessummeessee Ambaasaaddaroota Jimmaa taasisee gaggeessuutu irraa eegama.
Liistiroorraa kaasee, konkolaachiftoonni taaksii fi baajaajii, hoteelonni, ogeessonni fayyaa, dhaabbileen yaala fayyaa, daldaltoonni, caasaa fi hojjetaan mootummaa, caasaan nageenyaa fi poolisiin, dargaggoon magaalattii keessummoota hunda haala gaariin keessummoota hunda keessummeessuun milkaa'ina dorgommichaatiif gahee keenya bahachuu qabna.
6ኛው መላው ኢትዮጵያ ጨዋታ ከሰኔ 10 እስከ 19/2017 ዓ.ም. በጅማ ከተማ ይካሄዳል። ለረዥም አመታት ተቋርጦ የነበረው ውድድሩ፣ ዘንድሮ በደማቅ ሁኔታ ሊካሄድ ቅድመ ዝግጅት ተጠናቅቋል።
የጅማ ከተማ አስተዳደርም ስፖርተኞችና ተሳታፊ እንግዶችን ለመቀበልና ውድድሩ በስኬት እንዲጠናቀቅ ዝግጅቱን አጠናቅቋል።
የጅማ ከተማና አከባቢዋ ማህበረሰብም፣ ለወድድር ወደ ከተማችን የሚመጡ ከመላው የኢትዮጵያ ክፍል የተወጣጡ እንግዶችን በተለመደው መልካም የእንግዳ ተቀባይነት ባህላችንና እሴታችን ተቀብለን አስተናግደን፣ እንግዶቹ ወደ መጡበት ሲመለሱ የጅማ አምባሳደሮች እንዲሆኑ ማድረግ ይጠበቅብናል።
ከሊስትሮ ጀምሮ፣ የታክሲና ባጃጅ አሽከርካሪዎች፣ የሆቴል ባለቤቶችና ሰራተኞች፣ የህክምና ባለሙያዎችና ተቋማት፣ ነጋዴዎች፣ በአገልግሎት ዘርፍ የተሰማራችሁ የግል ድርጅቶች፣ የመንግስት ሰራተኞች፣ ፖሊስና የፀጥታ አካላት፣ የከተማዋ ወጣቶችና መላው የማህበረሰብ አካል፣ ውድድሩ በስኬት እንዲጠናቀቅና እንግዶችም ከመልካም ትዝታ ጋር ወደ መጡበት እንዲመለሱ የሚጠብቅብንን ሁሉ መወጣት ይገባል።