OBS sport

OBS sport Oduu fi odeessaaleen ispoortii asirraa argattu ��

The legend😎
18/07/2022

The legend😎

Taphataan collee addunyaa irratti beekamu Kiristaanoo Ronaaldoo ganna kana Maanchester Yunaayitid gadhiisuu akka fedhu b...
05/07/2022

Taphataan collee addunyaa irratti beekamu Kiristaanoo Ronaaldoo ganna kana Maanchester Yunaayitid gadhiisuu akka fedhu beeksisuu isaa hordofee Chelsiin fudhachuudhaaf yaada akka qabu himaa jira.
Taphataan umurii ganna 37, Ronaaldoon, Chelsii deemuudhaaf fedhii qabaachuu danda’a ta’a, garuu Chelsiin ammallee karaa seera qabeessa ta’een gaaffii taphataa kana fudhachuu hin dhiyeessiin jira.
Gama biraan ammoo, taphataan duraanii Riyaal Maadiriid kun haala ittiin gara La Liga Ispeenitti deebiyuun Baarseloonaaf taphachuun danda’amu irratti pirezidantiin kilaba Baarseloonaa Yohaan Laaportaa fi ejentiin taphata akanaa Jorgee Mendeez waliin dubbachaa jiru.
Kilaboota Ispeen La Liga keessatti masaanota yeroo hundaa kan ta’an Riyaal Maadiriid fi Baarseloonaaf yeroo gara garaatti carraan Ronaaldoon taphatu jiraannaan deeggartoota kubbaa miilaa waan ajaa’ibu ta’uuf deema.
Taphataa lammii Poorchugaal kan ta’e Ronaaldoon, miindaa torbaniin Paawondii 500,000 Maanchester Yunaayitid keessatti isaaf kafalamu irraas akka hir’isu danda’u fedhii qabaachuus dubbachaa jira.
Oduu jijjiirraa taphattoota kilaboota Awurooppaa birootiin Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Liids Yunaayitid Kalviin Filiippiin, Arsenaal ammoo Gabri’el Jeesuus Maanchester Siitii irraa Paawondii milyoona 45 fudhataniiru.
Kalviin Filiippiin shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingiliiz kan ta’e Maanchester Siitii waliin turuuf walii galtee waggaa ja’aa mallatteesseera.
Kana malees, chelsiin Raahem Isterliing Maanchester Siitii irraa fudhachuuf dubbachaa jira.
Taphataa umuriin isaa wagga 27 ta’e Isterliing, gatii Paawondii miliyoona 50 ta’utu itti gaafatame.
Aanga’oonni Maanchester Yunaayitid ammoo taphataa sarara ittisaa lammii arjentiinaa Lisaandiroo Maartiineez fudhachuuf aanga’oota Ayaaks waliin dubbachaa jiru.
Taphataa umuriin isaa wagga 24 ta’e kanaaf, Maanchester Yunaayitid Paawondii miliyoona 29.6 kenneera

Suuraan kun eenyu??
05/07/2022

Suuraan kun eenyu??

Dubbisii yaada kee qoodi hiriyoota keetiif share godhiWppaancaa Addunyaa kubbaa miilaa dphiirotaa bara kana Qaataaritti ...
20/05/2022

Dubbisii yaada kee qoodi hiriyoota keetiif share godhi
Wppaancaa Addunyaa kubbaa miilaa dphiirotaa bara kana Qaataaritti gaggeeffamu irratti dubartoonni haadha-murtii ta'anii akka taphachiisan filatamuun yeroo jalqabaatiif seenaan haaraa dirree ispoortii guddicha addunyaa kana irratti galmaa'uuf jedhame.
Lammii Firaans kan taate Isteefenii Firaappaart, lammii Ruwaandaa kan taate Saliimaa Mukaansaangaa, akkasumas lammii Jappaan kan taate Yooshimii Yamaash*taa taphoota Waancaa Addunyaa Qataar kana akka taphachiisaniif filatamaniiru.
Dubartoonni kunneen dubartoota sadii birootiin gargaaramuun taphachiisu jedhameera.
Waancaa Addunyaa Qaataar qopheessite guyyaa Wixataa Sadaasa 21 jalqabama jdhamee eegamu kana irratti abbootiin murtii kubbaa miilaa Piriimer Liigii Ingliiz keessatti taphachiisuun maqaa gaarii hortan akka Mikaa'el Oliiveriifi Antoonii Taayilaris filatamaniiru.
Antoonii Taayilar Waancaa Awurooppaa 2020 irratti tapha Denmaarkiifi Finlaad gidduutti taphatame abbaa murtii ta'uun kan taphachiise yoo ta'u, osoo taphataa jiruu dirree keessatti kufee kan gaggabe Kiristiyaan Eriksan wallaansa fayyaa atattamaa akka argatuuf dafee murteessuun lubbuun isaa akka oolu waan taasiseef hedduu dinqisiifatameera.
"Murteen dubartoonni akka Waancaa Addunyaa dhiirotaa] taphachiisan irra gahame kun adeemsa waggoota baayyeen dura irraa jalqabamee haadhotii-murtii kubbaa miilaa taphawwan kubbaa miilaa dhiirotaa giddu-galeessaa hanga dorgommiiwwan taphoota warra buleeyyiifi gurguddoo akka taphachiisan bobbaasuu irraa jalqabee asirra gahe.
Walumaa galatti, abbootiin murtii 36, abbootiin murtii gargaaran (erbe-raastonni) 69, akkasumas qondaaltonni tapha viidiyoo 24 ta'an tapha Waancaa Addunyaa bara kanaatiif filatamaniiru.
"Akkuma yeroo hundaa goonu, ulaagaaleen nuti fayyadamne 'dursa qulqullina/dandeettii', akkasumas aanga'oonni taphachiisuuf bakka bu'an guutummaa addunyaa irratti murtii gaarii kennuudhaan hunda caalaa filatamoodha," jedhan dura ta'aan Koree Abbootii Murtii FIFA Pierluigi Collin

Liigii Inglaand Taphoonni torbee xummuraa hundi Dilbata sa'aa 12:00 iratti taphatama.👉Maanchister Siitii fi Astonvilaa👉L...
17/05/2022

Liigii Inglaand

Taphoonni torbee xummuraa hundi Dilbata sa'aa 12:00 iratti taphatama.

👉Maanchister Siitii fi Astonvilaa
👉Livarpuul fi Wolviis
👉Cheelsii fi Waatfoord
👉Norwiich fi Tootenham
👉Arsenaal fi Evarteen
👉Kiristaal Paalas fi Maan Yunaayitid
👉Birayteen fi Westhaam
👉Lestar Siitii fi Saawuzhampiten
👉Bireentfoord fi Liids
👉Burnileey fi Niwkaasil
🙏🙏

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand ⏰Xumurame Sawuzhampiten 1-2 Livarpuul ⚽️Redmoond 13'   ⚽️Minami...
17/05/2022

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand

⏰Xumurame
Sawuzhampiten 1-2 Livarpuul
⚽️Redmoond 13' ⚽️Minamino 27'
⚽️Matiip 67'

Taphni Dilbata waancaa Piriimeer Liigii eenyu akka fudhatu kan murtessuu ta'a

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand ⏰Boqonnaa Sawuzhampiten 1-1 Livarpuul ⚽️Redmoond 13'   ⚽️Minami...
17/05/2022

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand

⏰Boqonnaa
Sawuzhampiten 1-1 Livarpuul
⚽️Redmoond 13' ⚽️Minamino 27'

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand ⏰30'Sawuzhampiten 1-1 Livarpuul ⚽️Redmoond 13'   ⚽️Minamino 27'
17/05/2022

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand

⏰30'
Sawuzhampiten 1-1 Livarpuul
⚽️Redmoond 13' ⚽️Minamino 27'

17/05/2022

Goooooool Minaminooooooo
Liverpool wal qixxeessee Jira
1:1

Gool Redmond goolii tokko sauthaptoniif lakkoofisee JiraSauthaptonii-1Liverpool- 0
17/05/2022

Gool Redmond goolii tokko sauthaptoniif lakkoofisee Jira
Sauthaptonii-1
Liverpool- 0

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand ⏰03'Sawuzhampiten 0-0 Livarpuul Hanga daqiiqaa kudhaniitti
17/05/2022

✅Tapha murtessaa torbee 37ffaa Piriimeer Liigii Inglaand

⏰03'
Sawuzhampiten 0-0 Livarpuul

Hanga daqiiqaa kudhaniitti

🙏 live jalqabnee jirraa daddafi share godhi   Hiriira isaanii
17/05/2022

🙏 live jalqabnee jirraa daddafi share godhi


Hiriira isaanii

Address

Harargee
Hirna

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OBS sport posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to OBS sport:

Share

Category