Haile

Haile public servant

12/04/2026
10/04/2026

Sammuu Moo'ataa Qabaachuuf.....
Sammuu moo’ataa (Winning Mindset) qabaachuun barmaatilee sammuu guyyaa guyyaatti itti tajaajillu jijjiiruu dha. Namni sammuun isaa moo’ataa ta’e kufaatii keessatti barumsa, rakkoo keessatti carraa, dadhabina keessatti immoo humna ijaarrachuu danda’a.
Sammuu moo’ataa ijaarrachuuf qabxiilee gurguddoo shanan kana irratti xiyyeeffadhu:
1. Ilaalcha Guddinaa (Growth Mindset) Gabbifachuu
Sammuun moo’ataan dandeettiin, beekumsi fi ogummaan hojii fi carraaqqiin akka cimu amana. Namoonni sammuu "fixed" qaban "ani akkasumatti uumame" jedhanii abdii kutatu. Sammuu moo’ataan garuu:
Kufaatii akka carraa barumsaatti ilaala.
Waan hin beekne barachuuf qophii dha.
"Hin danda'u" hin jedhu "Akkamittin danda'a?" jedhee of gaafata.
2. Itti Gaafatamummaa Guutuu Fudhachuu
Moo’attoonni jireenya isaanii irratti itti gaafatamummaa guutuu fudhatu. Haala qilleensaa, mootummaa, ykn maatii isaanii hin komatan.
Jireenyi kee bu’aa filannoo kiyyaati jedhii amani.
Yoo dogoggorte amanii fudhadhuu irraa bari.
Humni jireenya kee jijjiiru harka kee akka jiru amanuun, humna dabalataa siif kenna.
3. Of-to'annoo fi Naamusa Qabaadhu
Sammuun moo'ataan miira yeroon (emotions) utuu hin taane, akeeka (goals) isaatiin durfama. Namni sammuu moo'ataa qabu hojiin yoo isatti ulfaates, ykn fedhii hojii yoo dhabes waan hojjetamuu qabu ni hojjeta.
Barmaatilee gaggaarii (habit) ijaarradhu.
"Hojiin kun har'a na nuffisiiseera" jettee utuu hin taane, "Hojiin kun galma kootiif ni barbaachisa" jedhii hojjedhu.
Naamusni (Discipline) bilisummaa dha.
4. Mul'ataa fi Karoora Qabaachuu
Sammuun moo’ataan bakka itti deemu beeka. Galma ifa ta’e hin qabdu taanan, annisaan kee ni bittinaa’a.
Waan waggaa tokko, shani fi kudhan keessatti bira gaahuu barbaaddu barreeffamaan qabaadhu.
Galma gurguddaa sana gara tarkaanfii xixxiqqoo guyyaa guyyaatti hojjetamaniitti jijjiiri.
Guyyaa kee sirriitti karoorfachuun sammuun kee xiyyeeffataa akka ta'u gargaara.
5. Keessoo Ofii Waliin Dubbachuu (Positive Self-Talk)

10/04/2026

Sammuu Keetiif Dursa Kenni: Misooma Keessoo
Jireenya keessatti meeshaan ati ittiin jijjiirama fiduu dandeessu harka kee ykn miila kee osoo hin taane, sammuu keeti. Sammuun kee yoo fayyaalessa ta'e, jireenyi kees fayyaalessa ta'a.
1. Sammuun Kee "engine" Jireenya Keetiti
Akkuma konkolaataan engine (mootara) malee hin deemne, jireenyi kees qajeelfama sammuu keetii malee tarkaanfii tokko hin deemu.
Soorata Sammuu: Sammuun kee waan ati itti gadi naqxuun ijaarama. Kitaabota dubbisuu, podcasts dhaggeeffachuu fi namoota beekumsa qabanirraa barachuun sammuu kee soori.
Xiyyeeffannoo: Wanti ati sammuu kee irratti hojjettu hundi jireenya kee irratti calaqqisa. Sammuu keetiif dursa kennuun beekumsa qabaachuu qofa osoo hin taane, beekumsa sana hojiitti hiikuu danda'uu dha.
2. Yaada Summaa'aa (Negative Thoughts) Irraa Of Eegi
Sammuun keenya akkuma lafa qonnaati; yoo nuti sanyii gaarii itti hin facaasne, aramaa fi qoraattiitu irratti biqila.
Keessoo kee qulqulleessi: Yaada "hin danda'amu", "ani hiyyeessadha", ykn "namoonni biroo na caalu" jedhan sammuu kee keessaa baasi.
Dhiibbaa Alaa: Odeeffannoo gadhee, oduu hamaa fi namoota abdii si kutachiisan irraa sammuu kee qusadhu. Sammuu keetiif dursa kennuu jechuun waan hunda dhaggeeffachuu dhiisuu jechuu dha.
3. Ilaalcha Sammuu (mindset) Kee Ijaari
Milkaa'inni %80 sammuu kee (psychology) yoo ta'u, %20 qofatu tooftaa hojiiti.
Growth Mindset: Sammuu yeroo hunda barachuu fi jijjiiramuuf qophaa'e qabaadhu. Kufaatiin kiyya barnoota kiyya jedhi malee, kufaatiin kiyya xumura kiyya hin dejiin.
Xinsammuu Cimsuu: Akkaataa itti dhiphuu (stress) to'attu, akkaataa itti obsa argattu fi akkamitti abdii malee akka deemtu sammuu kee leenjisi. Sammuun leenji'e humna hunda caalu qaba.
4. Fayyaa Sammuu (Mental Health)
Dursa kennuun yeroo hunda hojjechuun sammuu ofii dadhabsuu miti.
Boqonnaa fi Xiyyeeffannoo: Sammuun kee boqonnaa ni barbaada.

Address

Oromia
Debre Zeyit
HAI@2345

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Haile posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category