27/04/2026
Maraatoonii Landaniin Tigist Asaffaa rikoordii addunyaa dubartootaa yoo fooyyessitu, Yoomiif Qajeelchaa ammoo seenaa haaraa galmeesse
Finfinnee, Eebla 27, 2026: Fiigicha Maaraatoonii Landaan kan Dilbata kaleessaa gaggeeffame irratti, atileetiin Itiyoophiyaa Tigist Asaffaa sa’aatii 2:15:41n xumuruun rikoordii addunyaa dubartootaan (women-only world record) qabxii haaraa galmeessiteetti. Tigist dorgommii cimaa kanaan morkattoota ishee injifachuun shaampiyoonummaa ishee kabachiisteetti.
Tigist, morkattoota ishee kan Keenyaa Heelen Obirii fi Jooyisiliin Japkosgaay dorgommii malaa fi tooftaa irratti hundaa’een duubatti hambifteetti. Kunis seenaa atileetiksii keessatti yeroo jalqabaatiif dubartoonni sadii dorgommii tokko irratti sa’aatii 2:16 gadiin xumuruu danda’aniiru. Tigist rikoordii ishee kanaan duraa irraa sekondii sagal fooyyessuun dandeettii dorgommii maaraatoonii irratti qabdu addeessiteetti.
Gama biraatiin, dorgommii dhiiraa irratti atileetiin Itiyoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa seenaa haaraa fi dinqisiisaa galmeesseera. Yomif yeroo jalqabaatiif maaraatoonii fiiguun sa’aatii 1:59:41n lammaffaa ba’uun, seenaa atileetiksii keessatti sa’aatii maaraatoonii isa saffisaa lammaffaa fi nama yeroo jalqabaatiif fiige keessaa isa saffisaa ta’uun galmaa’eera.
Guyyaa kanaan baaxiin sa’aatii lamaa (two-hour barrier) kan cabuu danda’e yoo ta’u, Yoomiifis dandeettii kanaan gootota atileetiksii gurguddoo tarree keessa galeera. Dorgommichi jalqaba irratti saffisa olaanaan kan eegale yoo ta’u, garee duraa keessatti dorgomtoonni ciccimoon akka Yaakoob Kiplimoo, Tamiraat Tolaa, Amoos Kiprutoo fi Dareesaa Galataa argamu turan.
Fiigichi kun fageenya kiiloo meetira 5ffaa irratti sa’aatii 14:14n kan darbe yoo ta’u, kunis sa’aatii lama gadiin xumuruuf saffisa tilmaamamee dha. Akka World Athletics ibsetti, bu’aan dorgommii dhiiraa fi dubartootaa kun fiigicha fageenya dheeraa keessatti bara haaraa kan nagaa’u dha.