17/01/2020
Maloota Hariiroo jaalalleewwanii cimsanii fi miidhagsan muraasni kunooti.
π«π«π«π«π«π«π«π«ππ
Gammachuu kee eenyurraallee eeggachuu hin qabdu Kanaafuu bohaartii sammuu keef itti gaafatamaan mataa kee akka te'e of amansiisi.
Jechoota kee gochaan bareechuu Rakkoo yaadachuu qabda yoo ta'e barreeffachuudhaan hojitti hiikuu qabda.
Wantoota akka hojjattu(dalagdu) dubbatte tokko hojitti hiikuu qabda."Ciree nan bilcheessa" jattee dubbatte taanaan, bilcheessuu qabda.
Yoo kan nan godha jatte yeroo xiqqo booda dagatta ta'e, fuula duraaf hin dubbiin kee hin amanamu.
Dogoggora kee amanuu fi dhiifama gaafachuu.Nama jaalattu irratti hamaa tokko hojjatte, kan isaanii otuu hin ilaalin dhiifama gaafachuu.
Sababa na mufachiisteef san si godhe" jechuun sirraa hin eegamu isheen ballesitullee ati dhiifama gaafadhu.
Badii keef dhiifama gaafachuuf sababa hin barbaadin.sababniis jaalalalli keessan isin jalaa badaa deemuu dandaβa.
Fuula duraaf akka itti hin deebine itti himuudhaan dhiifama gaafachuu akkasumas balleessaan duraa lammata akka hin deebineef of sirreessuu yaali.
Jaalalleen kee/tee gorsa barbaacha fi waan isa/ishii dhibeef mala si gaafachuun ni mala.
Atis kana hubachuudhaan haasawa isaa/ishee dhaggeeffachuun ga'ee sirraa eegamu bahuu qabda.
Dhaggeeffachuu qofa utuu hin taane jechoota ishii yaadachuu. Akkasumas wantoota jaalalaee tee irraa dhagese yaadadhu.
Hundi keenya waa'ee mataa ofii ibsuu ni jaallanna.dhiirri tokko yoo si jaalate haasaa kee xiyyeeffannaadhaan sirraa dhaggeeffata.
Dhiirri si jaalatu tokko si kunuunsuudhaaf yoo xiqqaate hamilee kee eeguun si gammachiisuu fedha.
Yeroo gargaarsi si barbaachisu si cinaa dhaabbata. Hojii fi Karoora keessattis si cinaa dhaabbachuun si gargaara.
Yeroo waliin deemtan harka kee qabee deemuu fi iddoo ati deemtu si waliin deemuu. Akkasumas yeroo gammachuu si affeeruu.
Yeroo hunda dhiifama si gaafachuu dogoggora xiqqaallee yoo ta'e.
Like and share godhaa.