05/04/2026
Oduu ijoo ispoortii (April 5)
🔴 Liverpool taphataa isaanii kan ta'e Ibrahima Konate'n koontiraata haaraa irratti hanga ammaatti murtii isaa beeksisuu dhabuu isaatti aaranii jiru, yoo kan koontiraata haaraa mallatteessu ta'es yoo kan hin mallatteessu ta'es garicha akka beeksisu guyyaan daanga'e kennameefii jira. Chelsea, Man City, Barcelona, Real Madrid fi Bayern Munich garee maqaan taphataa kanaa wajjiin walqabatee ka'aa jiruudha. Gabaassi kan Team talk ti.
🔴 Chelsea dhimma faayinaansiitiin walqabatee akka Barcelona taphataa sarara ittisaa Curcurella bitan Chelsea gaaffii dhiyeessee jira, Gatiin isaas yuuroo miiliyoona 40 akka ta'es beeksisaanii jiru. Gabaassi kan El Nacional ti.
🔴 Liverpool fi Tottenham taphataa Juventus kan ta'e Gleison Bremer bituuf fedha akka qaban dhaga'amee jira. Gabaassi kan Tutto Mercato Web ti.
🔴 Liverpool fi Tottenham taphataa Fulham kan ta'ee fi Koontiraati isaa bara kana kan xumuramu Harry Wilson bilisaan fudhachuuf fedha qabu. Gabaassi kan Team talk ti.
🔴 Arsenal, Man City, Arsenal fi Liverpool taphataa Palmeiras (Birazil) kan ta'e Eduardo Conceicao akka barbaadan beekkamee jira, Garichis taphatichaaf doolari miiliyoona 29'f dhiyaatus gaafficha kuffisaa godhee jira. Gabaassi kan Universo Online (UOL) ti.
🔴 Haaland gaaffii bittaa ganna kana dhiyaatuuf akka hin keessummeessine beeksisee jira, Bara 2027'tti gara Barcelona makamuuf murteessee jiras. Gabaassi kan El Nacional ti.
🔴 Bruno Fernandes PSG fi Bayer Munich barbaadamaa jira, Man United yoo kan maallaqni guddaan kan dhiyaatuuf ta'e dhimma taphatichaa irratti marii ni godha jedhamee jira, Gabaassi kan Caught offside ti.
🔴 Liverpool yaalii taphataa juventus kan ta'e Khephren Thuram bituuf godhu irratti gara Man United fi Newcastle irraa morkiin isaan muudatuu danda'a jedhamee jira. Gabaassi kan Daily Mirror ti.
🔴 Liverpool, Chelsea, Aston villa, Everto, Tottenham, Newcastle fi Sunderland taphataa Bournemouth kan ta'ee fi koontiraati isaa bara kana kan dhumu Marcos Se