03/01/2026
Ameerikaa Rabbi namatti hin kaasin ๐ Ameeen ๐ญ
Opireeshinii maraataa ๐๐
Prizedaantii N.Manduro buttee Ameerikatti hiite. CIA'n osoo namni tokko quba hin qabatin fudhatee sokke! Niiwyoork geeffachuun himata daddabarsa qorichaa baala sammuu nama hadoochuutiin irratti bananii jiru.
Addunyaan tan warra humna qabuu ta'uu kuniis fakkeenya biraati. Gaafa Irree fi humna qabaattu waliigalteen sanada seera Idil-Addunyaa raawwii sirratti hin qabaatu. Seera addunyaa ykn dhiibbaa hawaasa addunyaa osoo hin taane ofuma abdachuun dirqama.
Pirezedaantiin Veenzuweelaa Nicola Maduro Ameerikaan boojiโamuu isaa hordofee:
* Russia, China, Iran, North Korea, Tรผrkiye faatii adeemsa humnummaatiifi seera idla-addunyaa cabse jedhaanii ibsaan ni mormu
* Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhimma kana irratti wolgahii arifachiisaa ni waama. Taโus, AmeerikaanโVeto Powerโ โsagalee sagaleen kuffisuuโwaan qaabduuf dhiibbaan isii irra gahu wohiituu hin jiru.
* Gocha kanaan Ameerikaan mootummoota gufuu itti taโuuf yaalaniif irra deebiin humna qabdu muldhistee jirti.
Amma Abbaa guddaan haaleellaa veenizualaa irratti ergaa raawwatee fi Prezidaantii isiitii erga buteen booda itti aansee Jaarsa Iraan ๐ฎ๐ท Ayatola Ali-Kameen'tu hafe jedha.
Biyyoonni akka Meeksikoo fi Columbiaaniis raafama keessa seenanii jiru jedhan. Seerri idila Addunyaa kabaja birmadummaa biyyaa jedhuufi tarkaanfii kamiyyuu fudhatamuun duratti adeemsaa fi haal dureewwan godhamuu qaban jechuun tarreesse hundi waraqaa irratti hafee jira.
Xiinxala seera Idil- Addunyaa maal jedha jedhu immoo baldhinaan walitti deebina.