Ancient History of Oromoo

Ancient History of Oromoo society and culture history

Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)1,boraana2 ,bareentuBooranni Ilmman.12 dhalee isaanis1,wallagga2,callabba3,gor...
19/06/2026

Damee hortee oromo Ilmman Oromo lammii (2)
1,boraana
2 ,bareentu
Booranni Ilmman.12 dhalee isaanis
1,wallagga
2,callabba
3,goree
4,goofaa
5,sidaamoo
6,arii
7,dacee
8,garrii
9,guraa
10,giriirraa
11,naayroobii.fii
12,gujii
Bareentuun Ilmman 5,dhalee
1,xummuungaa
2,murawwa
3,karrayyuu
4,hunbanna
5,Qal’oo
Xummuungaan Ilmman 3dhalee
1,arsii
2,asoosaa
3,hawaasa
Murawwaan,1dhalee.innis.ltuudha.jedhama.
Ituun,10,dhalee.isaanis
1,waatee
2,gaamoo
3,baayee
4,galaan
5,Addaayyoo
6,baabboo.
7,waaree
8,algaa
9,gaaddullaa
10,Elolloo
Karrayyuun,barentuu.ilmmaan.12.dhalee
1,dullachaa
2,Abbichuu
3,gonbichuu
4,sayyuu
5,oboo
6,oborii
7,jiillee
8,bullaalla
9,mucee
10,galaan
11,salaalee,
12,wallo
Hunbannaan.ilma,1dhalee
Innis.Anniyyaa.jedhama
Anniyyaa..7dhalee
1,malkka
2,baabboo
3,dinbii
4,baaduu..(biduu)
5,mucii
6,naanna.a
7,kudheedhee
Qallo.4.. dhalee
1.ala
2,daga
3,oborraa
4,baabbile
Ala 12 dhalee
1,abbayii
2,nuunnu
3,kaaku
4,buubbu
5,diiramuu
6,abbaadho
7,goollo
8,Eerii
9,utayyu
10,gaalan
11,meettaa
12,arroojjii
Dagaa,,3 dhalee
1,noolee
2,jaarsoo
3,huume.
Oborraan..3 dhalee
1,akkichu
2,bil,l
3,dooranii
Baabbile 3 dhalee
1,gantuub
2,hawiyyaa
3,hawaasilee
Arsiin, 2 dhalee
1,sikkoo
2,mandoo
Sikkoo ,5 dhalee
1,buullaalla
2,wucaalee
3,wooji
4,jaawwii
5,llaannii
Mandi,,7 dhalee
1,raayituu(raa’idoo)
2,hawaxxuu
3,karaara
4,karrayyuu
5,meettaa
6,arroojii
7,garjeeda
Akkichuu.. oborraa ilma,2, dhalee
1,dhaayii
2,biliidaa
Dhaayii 3,dhalee
1,dukkoo
2,kooyee
3,allaatayya
Billiidaan, 3 dhalee
1,godaana
2,busaa
3,allaa
Gujiin boorana 3 dhalee
1,hookkuu
2,Uraagaa
3,matii..maatii
Hookkuun 7dhalee
1,galalchaa
2,oborraa
3,michillee
4,heeraa
5,bundhituu
6,kinnoo
7,baallaa
Uraaggaan 6 dhalee
1,goolloo
2,hallaa”oo
3,Agantuu
4,daraartuu
5,sarboortuu
6,waajituu
Maatiin 3 dhalee
1,hirqaantuu
2,linsoolee
3,hundee. Itti fufaaaaaa
Yoo karaa daabee itti guttaaa issin sabaa koo oromo hortee kushii horaa bulaa badhadha dagagaa lslissaa akka hababoo gaanaa.

 !!TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA 36!!Goototni ilmaan Ituu, Afran Qalloo, Humbannaa, fi Arsii Shanan barreentummaa keessaa...
19/06/2026

!!
TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA 36!!

Goototni ilmaan Ituu, Afran Qalloo, Humbannaa, fi Arsii Shanan barreentummaa keessaa Afur bakka bu'u. Akkumma beekamu Sirna mootummoota Naf*anyaa darban keessatti akka Saba tokkotti wal ijaaruun sossoo'uu dhiisiiti, akka nama dhuunfattuu ani Oromoodha jatte, eenyummaa kee afaan guutattee himatte jiraachuun yeroo warreegama nama gaafatu ture. Haa tahu Garuu, bara 1960ni irraa kaasee Oromoon sochii mirga ofii kabachiissu Iddoo hundatti wal ijaaree sossoo'uurraa wanti ofduuba deebisuu dandayye hin jirtu ture. Ilmaan barreentummaa akka sabaa ti roorroon alagaa waan itti heddummaachaa dhufeef mana teenye du'uurra falmannee du'uu wayya yaada ja'uun gurmiin qabsaa'uu jalqaban. fincila Oromoota Ituu, Fincila qotee bulaa Baalee fi diigamuu sochii Tuuta hawwissoo afran Qalloo fi kkf booda, walitti dhaamanii, bilisummaa ofiitiif falmachuuf gara biyya ollootaa qajeelan. Soomaaliyaa, Yamani, Egypti hanga Iraq akkaata mootummoota biyyoota kanarraa deeggarsa itti argachuu dandayyan haala mijjeeffachuun qabsoo hammayyaa jalqaban.

Barri isaa sept 5, bara 1969 ilmaan Oromoo bareentummaa namni 51 gahan, hoggansa Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Mullis Gadaa fi kkf niin qajeelfamanii, biyya Soomaalee Moqqaadishooti, boqqoonnaa qabsoo bilisummaa Oromoo bifa haarawaan falmachuuf biqiltuu jattu gadi dhaaban. Gurmuun tunnis baqqatoota Oromoo gara biyya Soomaalee fi Arabaatti dhangalaa turan baayyee ofitti dabalachuun Leenjii Loltummaa Biyya Yaman kibbaa, Edanitti Kaambii loltoota Eertiraa wajiin akka fudhatan Arab Leaguen hayyamameefi. Leenjii tanas qixxa gahan erga fudhataniin booda gara biyyaa qajeelan. Gurmii isaanii miseensa 36 qabdu tanaanis jechuudhaan of moggaasan. Namni Maqaan Ramadaan kan seenaa isaa Post kaleessaarratti ibsine Sahillitti kan warreegame yoo tahu, Jaarraa Abbaa Gadaa dabalatee 35 hafan mootummaa Ziyaad Barree kan yeroo gabaabdu san qofaaf firummaa Mootummaa Haayilasilaasee wajiin horateen qabamanii murtiin du'aa itti kennamte. Yeroof murtiin du'aa sun osoo irratti hin raawwatamiin turuun mana hidhaa , Soomaalii laanditti waggaa 5 fi guyyaa 12 erga hidhaman booda dhiifamaan gadi lakkifamuu dandayyan.

Itti aanaa hoggansaa yeroo sanii kan ture yeroo Qeerroon ganamaa Humna mootummaa Somaaliyaa harkatti kuftu sanatti wajiin hin ture. Hoggansi Tokkooffaa Jaarraa Abbaa Gadaa waan tuuta kanaa wajiin marsaa durarratti sochoo'uuf murteesseef, Elemoo Qilxuu yeroo kana achu yaman loltoota ABO kaambii leenjii ti hafan hogganuuf hafe. Haa tahu Elemoonis oduu Qeerroon ganamaa tan marsaa duraa too'annaa mootummaa Soomaaliyaa jala seenan jattu tun hammilee isa hin tuuyne, inumaa daran imaanaa gateetti isarratti kuftee galmaan gahuuf bara 1973 Qeerroo ganamaa Marsaa lammaffaa hogganuun, Ona Ituu Carcar Xirrooti qajeeluun gaarreen carcar irratti ibida qabsoo bilisummaa qabsiisuun, goota imaanaa Sabaa lafa hin keenye tahuusaa dhiigaan nu barsiise.

, Ramadaan dabalatee kaneen Mandheeritti waggaa shan hidhamanii bahanii akka armaan gadii kanatti isiniif dhiheesina.

1. Abdulkariim Ibrahim Haamid (Jaarraa Abbaa Gadaa)
2. Abdulkariim Aadam Lakkuu (Sooraa)
3. Mahamud Sheek Muhammad Umar Bookee
4. Umar Abubakar Ibraahim
5. Muhammad Abdulkariim (Areedoo)
6. Muhammad Abdullaahii (Koosum)
7. Bakrii Ibraahim (Abbaa Fatoo)
8. Barii Ahimad Baabilee
9. Muhammad Ahimed Umar (koormooso)
10. Muhammad Abdulqaadir Shaltaataa
11. Ahammad Nahaammad Umar( Caalaa)
12. Muhammad Abdullaahii Alii(Muudee)
13. Ahmad Muhammad Muussaaa (Mullata)
14. Muhammad Kabiir Iissaa(Jarjarso)
15. Ahmad Muhammad Usmaan (Daammacaa)
16. Muhammad Saanii Umar (Horoo)
17. Husseen Abbaa Waaqaa(Baale)
18. Jamaal Abdulqaadir
19. Ahmad Iissee
20. Aadam Muhammad Alii(Laafaa)
21. Ahmad Nuur Alii(Arroo)
22. Ahmad Nuur Hassan
23. Abdulkariim Muhammad Ana's(Jifaaraa)
24. Muhammad Sheek Hassan(Nibarbaannaa)
25. Aadam Abubakar(Moluu)
26. Ahmad Muhammad Abdurahmaan
27. Muhammad Ibraahim Waday(Shantam Shubbisaa)
28. Ahmad Nuur Muussaa Na'ee
29. Abdallaa Bakrii
30. Muhammad Alii
31. Ahmad Umar Abdallaa
32. Ahmad Haashii
33. Hajjii Maamoo
34. Ramadan Husseen Kaliil
35. Abdurahman Muhammad Yonis(Tuujii)
36. Ahmad Yuusuf Ibrahim (Turee Leencoo).


Deebana
Ituu Oromoo Post Madda Oddeefannoo fi Beekumsaa ti.

30/05/2026

Jaal Hundee(Ahmed Taqii

░K░U░T░A░A░ ░X░U░M░U░R░A░𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐊𝐚'𝐮𝐦𝐬𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚'𝐞!Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Ko...
02/05/2026

░K░U░T░A░A░ ░X░U░M░U░R░A░
𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐊𝐚'𝐮𝐦𝐬𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚'𝐞!

Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group (OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru.

Akka Gabaasa Amnistii Internaashinaal BECAUSE I AM OROMO jedhu kan bara 2014 baase ibsutti hacuuccaan mootummaan ADWUI ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara 2014 gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an mootummaa karaa nagaatin warri morman ykn mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti galfamaniiru. Itoophiyaa keessa gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa waan hin jirreef, lakkoofsi namoota hidhamanii kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii dhaaba siyaasaa seeran galmaa'ee socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti lakkaawwaman mana hidhaatti akka darbaman dubbata.



Uummanni Oromoo Itoophiyaa, kan walumaagalatti sablammoota afaan 74 dubbatan qabdu, keessatti saba isa guddaadha. Oromoonni 95% ta'an qubatanii kan qonnaan bulanii fi horiisee bultoota godaanani. Oromoon tooftaa qonnaa aadaa duubatti hafaa ta'e kan hordofu yoo ta'u jireenyi isaanis irra caala harkaa gara afaanitti. Oromoonni muraasni naannoo magaalaa jiraatu.

Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Oromoon harki caalaan naannoo Oromiyaa keessa kan jiraatan yoo ta'u hangi tokkommoo kaaba Keeniyaa keessa jiraatu. Kana malees Oromoonni hangi tokko naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo keessaa naannoo Tigraay aanaalee akka Raayyaa Azaboo jiraatu. Sabaa fi sablammoota naannoo Beenishaangul Gumuz keessa jiraatu keessa harki caalaan saba Oromooti.



Kanas ilaali: Afaan Oromoo
Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-Gujii, Afaan Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati.

Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreeffama.gahee guddaa kan tapatanii jalqabarratti sheikh bakri sapaloo turan. Qubeen Saaphaalloos Afaan Oromoo barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. haa tauu malee qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin oolin hayyuun fi bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad khabir Abdullee kan dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa kaayanii akka ummanni itti fayyadamu godhan.kitaabota amantaas dabalatee kitaaba hedduu afaan biroo irraa gara afaan oromootti barreessan.Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Onesmoos Nasib eenyu hundeeffame caasluga Afaan Oromoo ammayyaa.

Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii "Baahiree" jedhamu akka bara 1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise. Bara "Zemene Mesafinti" keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.

Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa

Bulchituu Manan kan Walloo, kan bara 1800 mootii taate.
Ras Mahaammad kan Walloo, kan Raas Mikaa'el ta'e, achiin bulchiinsa Sion.
Bulchituu Manan kan Ambaassal, kan haadha manaa Hayila Sillaasee taate.
Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan. Itti fufee immoo, gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e.

!!

Uummanni Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:

Uummanni Wallaggaa ummata naannawa dhihaa jiraatu ummanni kun naannawa bishaanii jiraatan;
Oromoo Maccaa -Shawaa Lixaa,Shawaa Kibba Lixaa,Wallaggaa,Ilu Abbaa Booraa fi Jimmaa keessa jiraatu.
Oromoo Tuulamaa - Handhuura Oromiyaa naannoo Finfinnee jiraatu;
Oromoo Walloo - gara Kaabaa naannoo Amaaraa godina addaa Oromiyaa, naannoo Hara Ashangee, jiraatu; Oromoo Raayyaa fi Oromoo Yajjuu jedhamu
Oromoo Ituu, nannoo Oromiyaa keessa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa jiraatu;
Oromoo Anniyyaa- kibba warra Ituu fi dhiha Laga Erer jiraatu;
oborra handhura baha oromiya jiratu Ala Oromoo - magaalaa Harar fi Laga Erer dhihatti, warra Ituu fi Anniyyaa gidduu jiraatu;
Oromoo Nole - magaalaa Dirree Dhawaa bahatti kaaba magaalaa Harar;
Oromoo Baabbilee - qaama Oromoo bahaa yoo ta'an, baha Laga Erer fi kibba Oromoo Bahaa jiraatu
Oromoo Jaarsoo - Harargee Bahaa gara bahaatti;
Oromoo Arsii - godinaalee Arsii, Baalee fi haga tokko Shawaa Bahaa keessa jiraatu.
Oromoo Booranaa - Kibba Oromiyaa fi kaaba Keeniyaa jiraatu.
Warra Qaalluu - Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.
Oromoo Gujii - qaama Oromoo Kibba jiraatuu yoo ta'an, ollaa Oromoo Booranaa jiraatu.
Shariifaa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.



Oromoon waggaa dheeran dura jalqabee sirna Gadaatin bulaa ture. Sirni Gadaa sirna dimokiraatawaa kan ammaa wajjin kan wal fakkaatu yoo ta'u, aangoo waggaa saddeetitti wal harkaa fuudhama

አፋልጉን ደራርቱ (አሚና) ጀማል ሐቡ  ትባላለች ከጀሞ 3 ሰኢዲ ያሲን አደባባይ አከባቢ ያለፈው ማክሰኞ ከቀኑ 7 ሰዓት ከምትኖርበት የዘመድ ቤት እንደወጣች አልተመለሰችም ። ቋንቋ አፋን ኦሮ...
02/05/2026

አፋልጉን
ደራርቱ (አሚና) ጀማል ሐቡ ትባላለች
ከጀሞ 3 ሰኢዲ ያሲን አደባባይ አከባቢ ያለፈው ማክሰኞ ከቀኑ 7 ሰዓት ከምትኖርበት የዘመድ ቤት እንደወጣች አልተመለሰችም ።
ቋንቋ አፋን ኦሮሞ ብቻ ነው የምትናገረው
ምልክት~ በፔስታል የእርሷን ልብሶች ይዛለች
ደራርቱ(አሚንን) ያያችሁ ያለችበትን የምታውቁ
በእነዚህ ስልክ ቁጥሮች ብትደውሉልን ወረታ ከፋዮች ነን።
0978905908 Jamale Habu.
0998857820 Momina Jamale

11/04/2026
11/04/2026
░K░U░T░A░A░ ░2░F░F░A░A░𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐊𝐚'𝐮𝐦𝐬𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚'𝐞!Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qaba...
11/04/2026

░K░U░T░A░A░ ░2░F░F░A░A░
𝐒𝐞𝐞𝐧𝐚𝐚 𝐮𝐮𝐦𝐦𝐚𝐭𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐟𝐢 𝐊𝐚'𝐮𝐦𝐬𝐢 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐭𝐚'𝐞!

Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qabata, tokkoon tokkoonsaanii ofumasaaanii kan socho'an turan, garummoo warra kaani dhiibbessaa fi warra kaanin dhiibbeffamaa turan. Bulchaan tokko bulchaa biyya biraa of eeggannoodhan ilaala garummoo yeroo baayyee kennaa fi dhaamsaa garii wal jijjiiru, tarii yoo wal waraanaa jiraatan malee. Sanyiin warra mootii karaa fuudhaa walitti hidhuun baramaadha, garuu yeroo baayyee daangaa amantii hin cabsuu. Karaa biraa, daldalli, garaagarummaa amantii ilaalcha keessa kan galche miti, karaan daldalaa mootummoota amantii aadaa, kiristaana, fi Islaama hordofan walitti hidha. Hawaasni fi sabni afaan mataasaa dubbatu baayyinaan warra kaanirraa adda ta'eetu jiraata, garuu aadaa walirraa dhaalun ni jira. Kunis qarqara Galaana Diimaa fi Gaarren Itoophiyaa keessatti qofa odoo hin taane, gara kibbaa daangaa Sumaalee fi Oromoo dabalata; achittis kara-deemtonni dhuma jaarraa 19ffaa keessa garas deeman hawaasa daldalu kan afaan baayyee dubbatu arganiiru.

Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana Daaccii waraana geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa, Jimma, Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam, Bageemidir, Maramma, Misuwwaa, Sooddo, Shawaa, Harar, Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture.

Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo, Affaarii fi Tigroota turan. Bara 1974 Finfinnee keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu jira ture; baruma kana Gurraandhala keessa mootummaan Hayila Sillaasee kufee Dargiin aangoo qabate; garuu ammas kaawonsiliin kun Amaaradhaan kan guuttame ture, namoota miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25 qofatu Amaara miti. Bara 1975 mootummaan lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka ta'e labse, sirna abbaa lafaas balleesse. Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan dirqamaa, qonnaa mootummaa fi sagantaa ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e galmaa gaa'uu dide.

Mudde 2009tti, gabaasni fuula 96 qabu kan Human Rights in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan Advocates for Human Rights jedhamuun qophaa'e sarbama mirga dhala namaa ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan Hayila Sillaaseen bulchaa ture, sirna Maarkisistii kan hordofu Dargii fi kan har'a Itoophiyaa bulchaa jiru ADWUI kan ABUT(Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu, jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota ABO tilmaaman 20,000 ta'u kan hidhan yoo ta'u hoggantoota ABO hunda biyyaa ari'aniiru, ABOn Itoophiyaa keessatti akka dhaaba siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru.

Itti fufa!……
Share,follow,

 Sheikh Alii Jaamii Guutoo dabalatee Oromoonni Ituu irra hedduun jaarraa tokkoof walakkaa akka arr'aa irraa kaaseeti tur...
11/04/2026



Sheikh Alii Jaamii Guutoo dabalatee Oromoonni Ituu irra hedduun jaarraa tokkoof walakkaa akka arr'aa irraa kaaseeti ture bal'inaan gara amantaa islaamaati dhufuu kan jalqaban. Baroota sanitti jiddu galli amantaa islaamaa Afaan Oromootiin barsiisu Walloo Keessa Anna fi Daawwe jiru. Jiddu galli amantaa islaamaa barsiisu san dura baha Oromiyaa (Harar) keessa kan turan tahus garuu afaan Oromootiin osoo hin tahin afaan Arabaa, Hararii fi Somaaleetiin ture. Oromoota Bareentuma keessaa boodarra gara islaamummaa warri dhufanii fi afaan Oromoo qofti isaan keessatti argamu ,Horte Murawwaa tu. kanaaf yeroo sanitti warri Carcar afaan biraatiin amanticha gad fageenyaan barachuudhaaf waan mirga galaaf hin ture. Kanaaf bakka jiddu galli amantii muslimaa Afaan Oromootiin itti gaggeefamutti imaluun barnoota diin dhandhamachuun dirqama isaanii ture.

Waan kaan taheef, Toora jaarraa tokkoo fi walakkaa akka arr'aa Oromoonni hedduun Carcarirraa Walloo dhaquun jiddu gala Anniyyii fi Daanniyyitti Diin Islaamaa cimsatanii deebi’aa turan. Namoonni Wallootti barnoota kana dhandhamachuu dandayyan sun hedduun ogbarruun afaan Oromoo akka yeroo sanirraa kaasee daraaruu gochuu keessatti bakka guddaa qabaachuu dandayyanii jiru.

Oromoonni Hortee Murawwaa gara Walloo ti imaltaawuun isaanii diin barachuun cinaatti, hawaasa oromoo kaaba jiran wajjiin walitti hidhata hortee oromummaa ( ) tokko, Aadaa fi seenaa tokko kan wajji qoodatan tahun isaanii, Walloo fi Carcar jidduu daandiin karaa carrqii akka tahuf godhu dandayyee jira. "Bakka garaan jiru miilli hin hanqatu" ja'aamaa mitii ree?. Hangafoonni Oromoo Carcar kaneen yeroo san keessa gara Wallooti imaltaawanii Diin baratanii carcarittiin deebi'uun islaamummaa Oromoota Ituu fudhachiisanii fi horteen hidda dhaloota Murawwaa akka gargar cittee hin hafne gochaa turan keessaa muraasni.

, ,
(Abbaa Dr. sheikh Mohammad Rashad Abdulee), , , , , ,
( ) fi kkf ture. Jiddu galli Walloo keessatti Amantaa islaamaa Afaan Oromootiin barsiisaa ture kan maayyii jiddu gala Daawwee ( ) ture. Jiddu Galli Daanniyyii hamma bara 1931 tajaajila kannaa haa turu malee, barnoonni kennamu suutuma suuta afaan Oromoorraa gara Afaan Ahmaaraatti jijiiramuu danda’ee jira.

Sababa Kanarraa ka’uun Hangafoonni Oromoo Carcar kan Wallooti Diin baratanii dacha'aan kun, hawaasa Oromoo bahaa Afaan inni beekuun (Afaan Oromootiin) Diin barsiisuu fi islaamummaa hawaasa kana keessatti gad dhaabuuf, jiddu gala Diinii fi ogbarruun Afaan Oromoo keessatti baratamu babal'issuun, Amantaa islaamaa babal'isuu qofa osoo hin tahin, ogbarruu afaan oromoo dhalootaaf dabarsuuf hojii murteessaa taachi waan hubataniif, Carcar Ona Ituu bakka adda addaa keessatti Jiddu gala barnootaa hundeessuun, Oromoota bahaa amantaa islaamaa fudhachiissuu keessatti shoora guddaa bahachuu dandayyanii jiru. Sochiin tunnis Seenaa islaamummaa Itoophiyaa /Oromoo keessatti jechuun galmaa'uu dandeesse jirti. Sababa kanaatiin Oromoonni baha Oromiyaa imalli isaanii gara Jiddu galoota Carcariyyii tahu dandayye.

Wallooti baratanii dacha'uun ulamaa'oonni Ona Ituu keessatti Ifaa Barnoota diin islaamaa qabsiisan keessaa, jalqabaa yoo tahu, Oromoo Ituu keessaa nama jiddu gala barnoota islaamaa Carcaritti yeroo duraatiif gad dhaabe ture, kan biraa fi yoo tahan, Carcariyyiin marsaa lammadaa faa turan. Sochiin Carcariyyii tan dhuma jaarraa 19ffaa fi jalqaba jaarraa 20ffaa keessa eegalte itti fufuun (1900 hanga1960ti), Diin, ogbarruu afaan Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti, hayyoota Oromoo gurguddaa akka faa dhalchuu dandeesse. Dhawaatuma sochiin Carcariyyii Cimaa dhufteen, Hayyootaa fi gootota oromoo seenaan isaanii barreefamee hin dhumne kan akka Sheikh Mahammadrashaad Kabiir Abdullee, kan gara amantiitiinis Qur’aana Amantii Islaamaa yeroo jalqabaatiif afaan Oromooti hiikee, gara ogbarruutiinis Qubee Afaan Oromoo amma itti fayyadamaa jirru kana kan tolche fi Hundeessaa ABO fi Bu'uureessaa Qabsoo kan tahe faa Saba kanaaf horuu dandeesse jirti.

Kana Malees;- Sheikh Mahammadrashiid (Abbaa Ahmadtaqii) faa horte, Ahmadtaqqiin (Hundeen Dhaabaa) goota qabsoo Bilisummaa Oromoo Carcar Xirrootti akka jalqabamtu godhe fi jalqaba warreegame san faa horuudhaan, carcariyyiin saba Oromootiif bu’aa hammana hin jadhamnee argamsiissuu dandeesse jirti. Walumaa galatti, Sochiin Carcariyyii Diin Amantaa islaamaa babal'issuu keessatti, Gootota Oromummaa Isaaniin hin qoosnee fi lubbuu ofii qaalii aarsaa gochuun duungoo bilisummaa Oromoo qabsiisanii addunyarraa dabran kumaatamaan horuu kan dandeesse dha.

Ija Nurraa Saaqan. Kabajaa fi Galanni guddaan dhalootaa fi hortee Carcariyyiitiif haa tahu!!!

madda Beekumsaa fi Oddeefannoo, Daawwiitii isa Kaleessa Keenyaa ti.

Gosa Oromoo Warjii===============Warjiin Gosa Oromoo Tuulamaa yoo tahan moggaasni maqaa isaaniis 'Warra Ji'aa' kan je’ur...
07/04/2026

Gosa Oromoo Warjii
===============

Warjiin Gosa Oromoo Tuulamaa yoo tahan moggaasni maqaa isaaniis 'Warra Ji'aa' kan je’urraa akka dhufetu himama.

Miseensa Oromoota Warjii kan tahan Obbo Nurhuseen Hasan moggaasa maqaa Warjii jedhu kana Oromootuma kaantu nuuf moggaase jedhu.

"Moggaasa Warjii jedhu kana Oromootu nuuf moggaase. Maqaa dabalataa nuuf kennan jechuudha. Warjii jechuun immoo warra ji'aa, kan ji'a lakkaawee bulu jechuudha. ''Amantaa Islaamaa waan hordofnuuf jecha ji'a (Addeessa) waliin hidhata qabna. Kanaaf jecha 'warra ji'aa' nuun jedhu," jedhan.

Gosti Oromoo Warjiin kuni jaarraa 9ffaa dhaa hanga xumura jarraa 12ffaattis naannoo Shawaatti mootummaa Islaamaa ijaaree ofbulchaa turuutu himama.

Warri Warjii qubsuma daangeffame addatti qabaachuu baatanis Tuulama keessa baay'inaan jiraatu. Naannoo Oromiyaatiin ala naannolee akka Somaalee fi Affaar keessas akka jiraatan himu Obbo Nuurhuseen.

"Ummanni kuni warra jalqaba amantii Islaamaa biyya kanatti babal'isaniidha. Warra baha jiddu-galeessaa wajjinis hariiroo cimaa qabaachaa turan. Hojii qonnaa fi daldalaanis baayyee beekamoo turan," jedhan.

Turoo Waariyoo fi Wulaalee
“”””””””””””””””””””””””””””
Warjiin hanga jaarraa 19ffaatti ajajoota waraanaa ciccimoo mataasaa kan akka Turoo Waariyoo fa'a qaba ture. Awwaalli gooticha Warjii Turoo Waariyoo amma Aanaa Baarraak'tti argama.

Gosti Oromoo Warjii kuni hanga jaarraa 13ffaatti magaalaa wiirtuu daldalaa taate tan 'Wulaalee' jedhamtu kan qaban akka ta'ee fi boodarra magaalattiin sababa waraanaatiin akka barbadooyte himu Nurhuseen.

Sababa amantiitiin qofa garaagarummaa waan qabaniif jecha moggaasa addatti argatan malee Warjiin Oromoota Tuulamaa kaaniin tokkuma. "Nuti wiirtuun keenya Tuulama. Oromootuma Tuulamaati. Amantii qofaan adda taane malee Tokkuma. Tuulamni yoo duulu wajjumaan duulaa turre. Siyaas-dinagdeen keenyas tokkuma.

Aadaa Islaamummaa ofirratti daballe malee aadaan keenya kanuma Tuulamaatiin tokkuma," jedhan.
Gosti sirbaa warra Warjii - Ragada yoo ta'u, gosti kuni maqaa 'Warjii Tigrii' jedhamuunis ni waamamu.

WARJII fi ARABA…
“””””””””””””””””””
Oromoota Warjii kana namootni akka hidda dhiiga warra Arabootaa tahanitti yeroo dubbatan ni dhagahama.

Obbo Nurhuseen, sababa yaanni kuni ka'uuf yoo himan, "Nuti Araboota waliin amantaa fi daldalaan qunnamtii cimaa qabna. Jaarraa 9ffaa keessa Araboonni rakkoon biyya isaaniitti uumamnaan Shawaa kana qubatanii Warjii waliin jiraachaa turan. Booda gara biyya isaaniitti deebi'an. Isaanirraa warri muraasni asumatti hafanii Warjii waliin walitti makaman," jedhan.

“Sababa kanaan Warjiin Araba wajjiin makaa dhiigaa xiqqoo qabaachuu dandeenya malee, hundeen keenya Oromoodha, nuti uummata biyya Arabaatii dhufee as jiraatu miti” jedhan.

“Nuti Oromoon nama hammachuu aadaaf qabna waan taheef yeroo sanattis Araboota biyya isaanirraa rakkatanii dhifan san ofitti qabnee waliin jiraachaa turre malee, nuti Warjiin Oromoo qulqulluudha” jedhan obbo Nuurhuseen.

"Oromummaa keenya namuu nuuf hin kennus, namuu nurraas hin fudhatu. Kuni kennaa uumamaati. Waggaa dheeraaf asii fi achi nu qabaa burjaajiidhaan dabarsinee jirra. Ammaan booda Oromummaa keenya cimsinee qabachuu barbaannas," jedhan.

Giddugala Aadaa Oromootti dursaa qorannoo seenaa kan tahan Obbo Girmaa Namarraa, “qorannoo taasifameen Warjiin gosoota Oromoo Tuulamaa keessaa gosa Galaan akka tahan mirkaneeffanneerra” jedhan.

"Gosti Oromoo Warjii kuni amma naannoo Magaalaa Shanoo, Daalattii, Jidda, Shawaa Bahaa fi naannoo Shawaa Kibba-Lixaa kana keessa jiraatu. Amantaa Islaamaa dursanii warra fudhatan waan tahaniif qofa adda tahan," jedhan.

Kitaabni seenaa Gosa Oromoo Warjii irratti xiyyeeffatu kan qorattoota seenaatiin qophaa'e bahee maxxanfamee jira. Kitaabni kunis Warjiin hortee ilmaan Tuulamaa keessaa Gosa Warra Galaan akka tahan mirkaneessa.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251910259115

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ancient History of Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ancient History of Oromoo:

Share