06/04/2022
Bitootessa 28\2014
Caancoo
Wal Dorgommii Shaampiyoonaa Godina Adda Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Marsaa 12ffaa guyyaa har`aas bifa ho`aa ta`eef nama hawwatuun gaggeefama olee jira.
Kubbaa saphaana dubaraan Sabbata Awaas 3 fi 2 n Sulultaa yoo injifatu
Kubbaa saphaana dhiiran Sabbataa Awaas 3fi 2 Barrak yoo injifatu Aqaaqiin 3 fi 1n B/M/ Sandaafaa Bakkee injifateera.
Akkasumaas wal dorgommii kubbaa miilaa garee fayyaa magaala Caancoo fi garee murteessitoota, D/garee, leenjisa fi koree godina waliin taasifameen 0 fi 0n walqixa bahun rukkutta peenalitiin gareen murteessa fi leenjistoota injifachu danda`e jira. Dhuma irrattis gareen kun ispoortiin jaalalaa fi walitti dhufeenya hawaasa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu sagantaa affeerra lrbaata waliin godhaniin ibsani jiru.