Dr Abiy Àhamed fun

Dr Abiy Àhamed fun Oduulee biyyaa fi Addunyaa waytawaa tahaan hordoftootaan gahuuf ispoortii guddinaf

17/12/2025

Haaroomsi aadaa maaliif?
*********************
Aadaan eenyummaa dha. Eenyummaan kun ammoo dhalootaarraa dhalootatti hin darbu taanaan dagatamaa fi eenyummaa biraatiin liqifamaa deema.

Gama biraatiin dhalootarraa dhalootatti cehuun adda cita. Haaroomsi aadaa rakkoo kana hambisa. Haaroomsi aadaa barmaatilee miidhaa geessisan hambisa. Aadaa hojii dadhabarraa jalqabee barmaatileen hedduu hawaasa keesaatti baraman maqfamuutu irra jiraata. Haaroomsi aadaa eenyummaa waloo waan ijaaruuf ummata gidduutti tokkummaan akka cimu taasisa. Haaroomsi aadaa barnoota, guddinaa fi kalaqa cimsa. Kana jechuun sonawwan gaggaarii aadaa keessaa qabnuun barnoota gabbisna. Guddina hunda galeesaa cimsina.

Kalqa aartii giddu galeessa gidhateen, dinagdee utubna. Hariiroo hawaasummaa eyyentaawaa uumna, nageenyaa fi tokkummaa biyyaaleesaa labsina. Kanaaf, haaroomsi aadaa faayidaa dam-daneesaa waan qabuuf xiyyeeffannaa ol'aanaadhaan hgganamuu qaba.

12/12/2025

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Abiy Àhamed fun posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dr Abiy Àhamed fun:

Share

Category