11/08/2024
“Siifaan nan diqisiifadha” Tigisti Asaffaa.
Tigisti Asaffaa miidhama miila ishee muudateen fiiguu mitii miilan dhaabattee deemuun keetuu shakkiidha jedhamtus, ergasii maaraatooniin Barliiniin riikardii addunyaa fooyyessuun, har`a Olompikii Paarisiin meetii argatte.
Tigisti Asaffaa dorgommii Olompikii Paarisiin booda yaadota kanaa gadii kennite.
Waa’ee meedaaliyaa meetii injifachuu:
“Maaraatoonii Olompikii Paarisiin sababa hoo`aaf baay`ee rakkadheen ture, meedaaliyaa warqiif hojjechaa turus sadarkaa 2ffaa bahee meetii argachuu kootti gammadeera”.
Waa’ee dorgommii:
“Dorgommichi gaariidha, haala teessuma lafaa Paarisiin wal fakkaatu tabbaafi gadee iddoo qaburratti shaakaalaa waanan tureef teessumni lafaa Paaris na hin rakkisne. Qorumsi guddaan hoo`a Paaris, yeroo km 35 irraa gahu hoo`ichi akka dhiibbaa narratti uumaa jirtu natti dhagahame”.
Waa`ee Siifan
“Dorgommi fageenya gabaabaa tiraakii irraa maaraatoonii irratti hirmaachuun baay`ee ulfaatadha, kanaafuu Siifan dinqisiifadha”.
Karoora
Meetira 10,000 irratti hirmaachuun barbaada, garuu yoom akka ta`u hin beeku.