14/11/2024
Aadde Adaanech jila Chaayinaa kutaa Bulchiinsa Jiiyaansuu irraa dhufe waliin mari'atan
Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC) - Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen jila bulchaa olaanaa kutaa Bulchiinsa Jiiyaansuu Shuu Kuuliiniin durfamu waliin mari'ataniiru.
Dhimmoota waloo garaagaraa fi hojiilee misooma Piroojektiirratti mari'achuu ragaan Waajjira Kantibaa magaalichaarraa argame ni mul'isa.