Oromia Super Sport Afaan Oromoo

Oromia Super Sport Afaan Oromoo Oromia super sport is analysis English premier league, laliga,bondesliga,French league ,seria Italy and champion league

We analysis fan zone over world

Abbaa murtii kubbaa miilaa Somaaliyaa, Omar Artan, mootummaa Ameerikaatiin biyya seenuu irraa dhorkame. Inni nama Somaal...
10/06/2026

Abbaa murtii kubbaa miilaa Somaaliyaa, Omar Artan, mootummaa Ameerikaatiin biyya seenuu irraa dhorkame. Inni nama Somaaliyaa keessaa yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa irratti abbaa murtii ta'uuf jedhu ture! 🇺🇸🚫
Akka gabaasni jedhuutti, mootummaa Ameerikaa irraa sababni mootummaa isa deebise ifatti hin ibsamne. Haa ta'u malee, Somaaliyaan biyyoota mootummaa Donald Trump yeroo mootummaa isaa keessatti tarree dhorkaa imalaa (travel ban) keessa galche keessaa tokko dha. 🇸🇴⚠️
Omar Artan jechuun:
“Ani abbaa murtii qofa, abjuu koo guddaa jechuun Waancaa Addunyaa irratti hojjechuu barbaade. Baay'een gadda. Sanadoota sirrii fi viizaa sirrii qaba ture. Rakkoon isaanii biyya koo wajjin wal qabata natti fakkaata.”
Jedhee bilbilaan ibse. đź’¬
Akka odeeffannoon jedhuutti, yeroo sa'aatii 11 qorannoo fi gaaffii keessatti dabarse; sana booda mootummaa Ameerikaatiin biyya seenuu irraa dhorkamee, yeroo muraasaaf to'annoo jala turee, boodarra gara Istanbul deebi'ee ergame. ❌‼️
Garuu mootummaa Ameerikaa gama isaatiin, dhorkamuu isaaaf “rakkoo qulqulleessaa fi mirkaneessa nageenyaa (vetting concerns)” jechuun ibse malee, sababa tarree dhorkaa imalaa qofa jechuun hin ibsine.

Shaampiyoonsi liigii Awurooppaan morkiin Liiverpuul Gaalaatasaraay waliin taasisu ni eegama Taphoota deebii mo'anii darb...
18/03/2026

Shaampiyoonsi liigii Awurooppaan morkiin Liiverpuul Gaalaatasaraay waliin taasisu ni eegama

Taphoota deebii mo'anii darbuu Shaampiyoonsi liigii Awurooppaan morkiin har'a Liiverpuul Gaalaatasaraay, Baarseloonaan ammoo Niwuukaasiil waliin taasisan ni eegama.

Har’a galgala sa’aatii 2:45 eegalee Baarseloonaan Niwuukaasiil waliin taphata.

Tapha marsaa jalqabaan galchii tokko qixa bahuun kan yaadatamuudha.

Halkan sa’aatii 5:00 eegalee taphoonni 3 kan taphataman yoo ta’uu, taphni Liiveerpuul Anfiildiitti Gaalaataasaraay keessummeessu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Tapha marsaa jalqabaan Gaalaatasaraay galchii 1fi 0’n Liiverpuuliin injifachuun kan yaadatamuudha.

Akkasuma Tootenhaam Atileetikoo Maadriid, Baayerni Muunik Atalaantaa waliin morkiin taasisan ni eegama.

Tapha marsaa jalqabaan Atileetikoon galchii 5 fi 2'n Tootenhaam,Baayerni Muunik galchii 6 fi 1'n Atalaantaa injifatanii turan.

Address

Main Road
Sululta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Super Sport Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category