31/03/2022
Oduu Gaddaa
Hayyu duree ABO duraanii kan ta'aan Obbo Galaasaa Dilboo dhukkuba tasa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuun dhaga'ame.
Obbo Galaasaa Dilboo qabsaa'ota Oromoo gameeyyii lubbuun jiran keessaa tokko yoo ta'u, Adda Biliisummaa Oromoo geggeessuutii hanga Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti lolanii lolchiisuutti uummata Oromoof kan qabsa'aan ta'uu, seenaan jireenya isaanii ni agarsiisa.
Bara mootummaa cee'umsaa Itiyoophiyaa adda durummaan hirmaachaa turuufi geggeessummaa ABO of harkaa qabaachaa akka turan kan himamu Obbo Galaasaan, ABO'n erga mootummaa cee'umsaa keessaa dhiibamee ba'ee booda, waggoota 27'f jireenya baqattummaatiin biyya ormaa jiraachaa turaniiru.
Bara 2018 injifannoo Qeerrootiin gara Oromiyaatti kan deebi'an Obbo Galaasaan, turtii waggoota sadii keessattis kallattii dhuunfaafi ijaaramaa itti amananiin hirmaana Siyaasaa itti fufanii turaniiru.
Bitootessa 30, 2022 halkan keessaa toora sa'a torbaatti dhibee tasa isaan mudateef, gara mana yaalaa geeffamaa osoo jiranii daandiirratti lubbuun isaanii darbuu OMN odeeffateera.
OMN firaa, maatiifi jaalattoota isaanii maraaf jajjabina hawwa.
OMN