24/06/2026
N A M I C H I kun:
Mallattoo tattaafachuu, alaabaa naamusaati
Faajjii kubbaa miilaa eebba labata kanaati.
Gurbaa miidhagaa amala qabeessi kun
Waggaa 41tti akka dargaggeessatti, caalchisees taphata;
G U R B A A N kun:
Alkoolii dhugee hin beeku
Qaama isaarraa tumaa (tattoo) hin qabu
Mana bashannana halkanii hin deemu
Maatii isaa hedduu kabaja
N a m n i kun:
Harmee isaa akka malee jaalata
Maatii isaaf lubbuu isaa kenna
Abbaa isaa jannata jiru gammachiisuuf yogguu mooha
Gurbaan kun
Dhiiga isaa torbee lama lamaan gumaacha
Maallaqa isaa warra rakkatan gargaara
Biyya isaatti stadium ijaarsise
Mana barnootaas ijaarsise
Gurbaan kun
Sukkaara ciraa hin sooratu
Buna hanga lakkaawame fudhata
Nyaata filatee soorata
Namni kun;
Naamusni isaa adda
Leenjisaa isaa hedduu kabaja
Taphattootaaf fakkeenyadha
Namoonni miliyoonni hedduu akka fakkeenyayti fudhatu
Namni kun
Addunyaa irratti goolii 974 lakkoofsiseera (gita hin qabu)
UEFA champions league irratti isatu dursa (goolii 140)n
Baalandorii Shan injifateera
Biyya isaa waliin geeba biyyoota Awurooppaa fudhateera
Alaabaa biyya isaaf lubbuu isaa kenna
Maqaan isaa Kiristaanoo Roonaaldoo jedhama
Waancaa addunyaa jaharratti goolii galchuun riikardii qabateera!
Xiqqoo gaafa Maaderaa, guddattuu gaafa Lisboon, dargaggeessa gaafa Maanchesteer, abidda gaafa Maadriid, gaheessa Juuventuus, cichaa gaafa Alnaasiir!
Waggoota 25 oliif madda gammachuu dargaggoota Addunyaa waan taateef galatoomi!