27/03/2026
Duula Jaldeessa Boolii beettuuβ
π
Duri duri namooti woliin duula dhaqan jedhan.Yennaa san wonni nyaataa aka ammaa kana midhaan addee guma hin dhaggamanu. foonuma horiifi bineensaa fa'a qalatanii nyaataa, gaagura ulatanii damma fa'a nyaataa akkasiin duula dhaqanii galan.Maarree gaafa woyii dhiirti takka woliin duulte jedhan.Adoo deemanuu beelawanii jennaan gaagura buufatanii jiisaa dammaa baafatanii nyaatan.Namoota duulan kana keessaa nami Jaldeessa Boolii jedhamu "an jiisaa hin nyaadhu "jedhee didate.Inni ifitta keyee bada yennaa san waan hin beelawiniif didate.Maarree jiisaa kaan nyaatanii ideensa itti fufan.Jaldeessi Boolii yo diqqoo deemee jedhu beelaafuu ka maan luka fuudhu.Jiisaa anagafa didate kaan gaabbe.Biyyi beekkattee jiisaa nyaattee deemisa ittuma fufte .Jaldeessi Boolii aka urgi geyaa hin jirre dhagginaan duubaan deebi'ee corqoo jiisaa biyyi angafa nyaatte san nyaatuu murteesse.Billi callaa jedhee kolbaa woliin deemu biraa badee keessa deebi'ee jiisaa angafa nyaatuu dide kaan amma corqoo jiisaa ta angafa biyyi jiisaa nyaatte tutte taan riguu jalqabe.Abbaa isa badu! Kolbaan woliin duulan tuun yo isiin dhiira woliin bayan taan toowwattu Jaldeessi Boolii eboo cumaa arbaa buutee kaleen dhiyoo!
Jaldeessi tanti goree wol gaafatan.Ol baasii ,gadi buusii Jaldeessa aka inni corqoo taan nyaatisaafi miliqe beekan.Karaa dhufan kaan hirba kaachisan.Tama biyyi beettee yo bakka angafaatti deebi'an Jaldeessi Boolii corqoo jiisaa ta angafa biyyi nyaattee tutte tan sara kuta jira.Haadha Boree hin du'aa re?!
Gaafa kanaa kaasanii "Jaldeessa Boolii ha jiisaa didee corqoo nyaate hin te'in"jechuun asi dhutte.Diddaa Jaldeessi Boolii jiisaa didee corqoo nyaatee mannaa ,nama qaruma jiisaa san nyaate woyyaβοΈ
"Hiyyoo "jedhe Chaabba
π
Tiyyuma
damboob adulaatiin!
π
π
π
MURROO BROADCASTING NEWS πΌπ
π
π
πΎπΎπ½ π³π°πΌπΌπ°π
π
π° πΌπΈ'πΎπΎπ
π
πΈ::
me!!!!