Shager Ispoortii

Shager Ispoortii Ispoortiin Bashananaf

24/01/2023

.
✅Laaligaa Ispaaniish walakkaa bara dorgommii 2022 /23 tti badhaasa taphataa cimaa Afrikaa jedhuuf sagaleen ni kennama jedhameera.
✅Taphataan Liivarpuul Jeemii Kaaraagar "ammatti kilaboonni filatamoon addunyaa kanaa lama qofa Arsenaali fi Naappoolii" jechuun yaada kenne.
✅ Cheelsiin £. Miil 112 qopheessuun guyyaa har'aa irra deebiin Eenzoo Fernaandeez fudhachuuf Benefikaaf gaafii dhiyeessan.
✅ Eerik Teeghaag "Taphattoota kiyyaan Waancaa kamuu fudhachuuf dursa dogongoota hojjechuurraa of eegaa jedheen. Dhumarratti dogongora hojjetan baay'een dallane" jedhan.
✅Leenjisaan Saawuzhaampitan duraanii Raalfi Haansihuulti iddoo Firaank Jamsi Laampaardi bu'uun Eevartaniin leenjisuuf sochii jalqaban.
✅ Dhiyeenya kana kubbaan miilaa na gaheera kan jedhe Gaareez Beel dorgommii Goolf irratti hirmaachuuf shaakalaa cimsee itti fufe.
✅Leenjisaan Poorchugaal duraanii Fernaandoo Saantoos hanga 2026tti Poolaandiin leenjisuuf walii galtee mallatteessan.
✅Fireenchi liigiin tapha tokkorratti galchiiwwan shan kan lakkoofsise Kiiliyaan Mobaappeen taphataa jalqabaa Pii-Essi-Jii tahuun seenaa haaraa galmeesse.
✅Arsenaal taphataa sarara ittisaa garee biyyoolessaa Poolaandi fi Kilabii Ispeeziyaa Jaakoob Kiiwyeer €. Miil. 25 niin mallatteessifate.
✅Kilabni Eedii Haaw Niiwkaastil Yunaaytid taphataa sarara fuulduraa Eevartan Antoonii Goordan fudhachuuf gaafii dhiyeessuun sochii jalqaban.
✅Boqonnaa booda jijjiiramee gara dirree seenun sochii dinqisiisaa kan argisiise Muudriik KM. 36.63 dirree keessa fiiguun Piriimiyerliigii bara kanaa irratti riikardii dhuunfate.

Dabalata TV FAANAA Daawwadhaa
⚽The Beautiful Game.


Deeggartooni The Gunners Baga Gammaddan Oduu Amme ✅Liyaandiroo Tiroosard gara ArsenaalFabrizio Romano ✍️Oooh Tiroosard w...
20/01/2023

Deeggartooni The Gunners Baga Gammaddan Oduu Amme

✅Liyaandiroo Tiroosard gara Arsenaal

Fabrizio Romano ✍️

Oooh Tiroosard waliigaltee hanga bara 2027tti kan turu Kan mallatteessu yoo tahu Kunis waggaa afuriifi ji'a jahaaf kan turudha

Kana malees Arsenaal kontiraata dabalataa dheeressuuf yoo barbaade filannoo keessa jira 💪

"Roobeertoo Maartineez erga GB Beeljiyeem gadhiisanii as GB Poorchugaal leenjisuuf garas imalaniiru. Sagantaa simannaa i...
14/01/2023

"Roobeertoo Maartineez erga GB Beeljiyeem gadhiisanii as GB Poorchugaal leenjisuuf garas imalaniiru.

Sagantaa simannaa isaaniif taasifame irratti haasaa gabaabduu dubbatan keessaa........👇

"Kiristiyaanoo Roonaaldoon filannoo koo isa jalqabaa keessatti hammatama. Inni taphataa addaati. Taphataa waggoota 19f garee biyyaalessaaf hiriiree bu'aa guddaa gita hin qabne biyya isaaf buusee dha. Kanaaf kabaja guddaa tu malaaf" jechuun dubbatan...

Walmorkii kilaboota masaanuu magaalaa Landan FM Finfinnee 92.3 irratti kallattiin hordofuu dandeessu. Arsenaal Vs Tootin...
14/01/2023

Walmorkii kilaboota masaanuu magaalaa Landan FM Finfinnee 92.3 irratti kallattiin hordofuu dandeessu. Arsenaal Vs Tootinihaam.
Dilbata galgala saatii 1:30 irratti eegala.

14/01/2023

Tilmaamaa me

Mesiin kilaba Sa'ud Arabiya morkataa garee Ronaaldoo ta'e, Al Hilal seenuufii?==================Kilaba kubbaa miilaa Sa'...
14/01/2023

Mesiin kilaba Sa'ud Arabiya morkataa garee Ronaaldoo ta'e, Al Hilal seenuufii?
==================

Kilaba kubbaa miilaa Sa'ud Arabiyaa Kiritiyaanoo Ronaaldoo dhiheenya seene Al Nassr'f morkataa cimaa kan ta'e Al Hilal Taphataa collee addunyaa umrii waggaa 35 Liyoneel Mesii irratti xiyyeeffateera.
Lammiin Arjantiinaa waancaa bara 2022 Qataar qopheessite mo'ate kun kilaba biyya Firaans PSG keessa taphataa kan jiru yoo ta'u, waggaatti doolaarri miiliyoona 300 kaffalameef akka gara Al Hilaal deemu asaasamaa jira.

Arsenal ammoo taphataa Shaktaar Doontesk fudhachuuf yaalaa jiruun alatti jifataa lammii Sarbiyaa, kan amma Juventusiif taphaturra ija buufateera.

Taphoota har'aa 🌍 Shaampiyoonaa Biyyoota Afrikaa (CHAN)  10:00 |  🇪🇹 Itoophiyaa Mozaambiik irraa 🇲🇿 01:00tti |  🇨🇩 Koong...
14/01/2023

Taphoota har'aa

🌍 Shaampiyoonaa Biyyoota Afrikaa (CHAN)

10:00 | 🇪🇹 Itoophiyaa Mozaambiik irraa 🇲🇿
01:00tti | 🇨🇩 Koongoon Yugaandaa irraa 🇺🇬
04:00tti | 🇨🇮 Ivory Coast Senegal irraa 🇸🇳

🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁿 Piriimiyerliigii Ingiliiz irratti

09:30 | Maanchistar Yunaayitid fi Maanchistar Siitii
12:00 | Biraayitan fi Liivarpuul
12:00 | Evertan fi Saawuzhaampitan
12:00 | Nootinhaam fi Leesteer Siitii
12:00 | Wolves fi Weestihaam
02:30 | Brentford fi Bournemouth
🇪🇸 Ispeen Laaligaa irratti

10:00 | Valladolid Rio vs Vulcano
12:15 | Giroonaa vs Seeviilaa
02:30 | Osasuna Vs Mallorca
05:00tti | Riyaal Soosiyaadaad fi Atileetik Bilbaawoo

🇫🇷 Liigii Faransaay 1

12:00 | Leensii Vs Okzre
02:00tti | Marseille Vs Laurent
04:00tti | Leon Vs Starburg

🇮🇹 tapha Xaaliyaanii Seeri A

11:00 | Cremonese kan Monza
02:00tti | Lecheen AC Milan
04:45 | Inter Miilaan Veeronaa

Taphotaa Pirmaarliigii Ingliizii guyyaa boruu
13/01/2023

Taphotaa Pirmaarliigii Ingliizii guyyaa boruu

🚨 Waancaan Afrikaa Chaan har'a eegala! ➔ Waancaan Afriikaa Chaan  yeroo jahaaf kan gaggeeffame yoo ta'u, har'a Aljeeriya...
13/01/2023

🚨 Waancaan Afrikaa Chaan har'a eegala!

➔ Waancaan Afriikaa Chaan yeroo jahaaf kan gaggeeffame yoo ta'u, har'a Aljeeriyaan ni keessummeessa. Tapha baniinsaa garee Itoophiyaa keessa kan jiran Aljeeriyaa fi Liibiyaa sa'aatii 4:00 PM irraa eegala.

➔ Dorgommiin kun biyyoota 18 gidduutti gaggeeffama jedhamee eegamus, Morookoon dorgommii kana keessaa baate. Morookoon xiyyaaraan Aljeeriyaa seenuu akka hin dandeenye erga itti himamee booda dorgommii kana keessaa baate. Kunis mootummaan Aljeeriyaa xiyyaara Morookoo kun ji'oota muraasa dura naannoo qilleensa ishee akka hin seenne dhorkuu isaati. Morookoon gama biraatiin, daandiin xiyyaaraa walaba kamiinuu gara Aljeeriyaa deemuu hin barbaaddu jechuun kaleessa galgala dorgommii kana keessaa baate. Garuu Caf ammallee Morookoon yaada ishee akka jijjiirtu gochuuf yaalaa jira.

➔ Waancaan Afriikaa Chaan gosoota 5 kan qabu yoo ta'u, gosoota jalqabaa sadan tokkoon tokkoon biyyoota afur kan of keessaa qabu yoo ta'u; Biyyoota kana keessaa lama gara marsaa itti aanutti ni darbu. Lamaan itti aanan sadii sadii kan argatan yoo ta'u, kanneen keessaa inni jalqabaa gara marsaa itti aanutti darba. Amma ammoo Morookoon garee 3 qofa haftee garee ciccimoo Madagaaskaar, Gaanaa fi Sudaan.

➔ Gareen biyyoolessaa Itoophiyaa yeroo 3ffaaf Morookootti dorgommii kanarratti hirmaachaa akka ture ni beekama. Egaa amma gareen kun qophii dhumaa Aljeeriyaa keessatti taasisaa kan jiru yoo ta'u, boru sa'aatii 10:00 irratti Mozaambiik waliin taphachuuf jira.

➔ Taphoota hunduu DSTVn tamsa'a. Taphoota Itoophiyaa hundas kallattiin isin biraan geenya.

dhiyeenyaa

➔ ETV Entertainments taphoota Itoophiyaa kallattiin tamsaasuuf marii irra akka jiru mirkaneessinee jirra.

Waliaaf carraa gaarii!

Manaajara Piriimiyerliigii Ingiliiz  Taphataan Piriimiyerliigii Ingiliiz 😍
13/01/2023

Manaajara Piriimiyerliigii Ingiliiz
Taphataan Piriimiyerliigii Ingiliiz 😍

Arsenal ❤✅ Kaleessa Obomboleettiin sarara gidduu warra Arsenal Martin Odegard taphaa cimaa ji'a muddee jedhamuun filatam...
13/01/2023

Arsenal ❤

✅ Kaleessa Obomboleettiin sarara gidduu warra Arsenal Martin Odegard taphaa cimaa ji'a muddee jedhamuun filatame

✅ Har'ammoo Leenjisaan warra Arsenal Mikel Arteta Leenjisaa Cimaa ji'a Muddee darbee jedhamuun filatameera.

Arsenal keessatti jireenyi akka gaariitti adeemaa jirti

Address

Finfinnee
Addis Ababa
SPORTSEVENTS

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shager Ispoortii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Shager Ispoortii:

Share