Selam Intern. Tekwan-Do Terining Center

Selam Intern. Tekwan-Do Terining Center Selam Inter.Tekwan-Do Terining Center

Abdii Haa Dhaabnu! Egeree Dhalootaa Biqiltuu Dhaabuun Haa ijaaru!Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonn...
02/07/2026

Abdii Haa Dhaabnu! Egeree Dhalootaa Biqiltuu Dhaabuun Haa ijaaru!

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo,Aanaa Noonnoo Dhaabbiin Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Bara 2018.

01/07/2026
05/06/2026

Discipline 🖤

Waaqayyoon galateeffadhaa.
05/06/2026

Waaqayyoon galateeffadhaa.

Abdii kutuun Diina milkaa’inaati."Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu Iia amansiisaadha!" - Genaa Showaalter"Rakkat...
29/05/2026

Abdii kutuun Diina milkaa’inaati.
"Abdii kutannaan karaa kufaatiitti geessu Iia amansiisaadha!" - Genaa Showaalter
"Rakkattee osoo hin milkaa'in hafte yoo ta'e, kan si booda milkaa'u dhaloota tokkotu jira; osoo hin rakkatin milkoofte yoo ta'e garuu si dura nama rakkatetu ture."
• Maalifan milkaa'uu dhabee?
• Maalif milkaa'inni ana irraa fagaatee?
• Maalif kufaatiin natti baay'atee? Jettee Komii ofii kee irratti nama irrattii fi waaqayyo irratti hin kaasin!
Wantonni jireenya dhalaa nama jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'iin kan hafan abdii kutannaa dhala nama irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu, namni abdii kutatu immoo hin mo'u....!
â–  Yoo ofii kee rakkattee, dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa milkaa'uu danda'a.
â–  Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!
Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.
Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.
â–  Hammuma kufaatiin sitti baay'atu milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!
â–  Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.
â–  Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee, karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.
â–  Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e, jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.
â–  Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.
â–  Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa, waan darbe irraa barachaa, karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa, karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.
â–  Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.
👇👇 Share godhaa

30/2/2018. Ariitiin lubbuu malee daandii hin gabaabsu !Sport for all.Ispoortii walitti dhufeenya hawaasaafi fayyummaa qa...
09/11/2025

30/2/2018. Ariitiin lubbuu malee daandii hin gabaabsu !
Sport for all.Ispoortii walitti dhufeenya hawaasaafi fayyummaa qaamaaf !
---
Ispoortiin jabinaafi fayyummaa qaamaa cimsuun cinatti walitti dhufeenyaafi hariiroo gaarii uumuu keessatti shoora olaanaa qaba. Kunis hawaasa jireenya hawaasaa fayya-qabeessa taasisa.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa M/Noonnoo sosochiin ispoortii hunda-hirmaachisaa torbee nageenya tiraafikaa sababeeffachuun gaggeeffameera.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251912420303

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Selam Intern. Tekwan-Do Terining Center posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Selam Intern. Tekwan-Do Terining Center:

Shortcuts

Share