06/06/2026
🚨 Andoonii Iraa'oolaa 🎙️
🗣️;-"Ani akka leenjisaatti carraa argame hundatti fayyadamee of foyyeessaa deemuun barbaada, yeroo tokko tokko yeroo leenjistoonni shaakala garee kootii ilaaluu dhufan, waan haaraa irraa barachuuf nan yaala, kubbaan miilaa yeroo yeroon fooyya'aa deemti."
🗣️;-"Ati yoo of foyyeessuu irraa dhaabbatte nama yeroon irra darbe taata, kanaaf yeroo yeroon of foyyeessaa deemuu qabda, qormaanni guddaan nu leenjistoota harkaa qabu kanadha."
🗣️;-"Irra deebiin Kerkez leenjisuun koo waan namatti toluudha."
🗣️;-"Premier league keessa turuun koo ciminaa fi dadhabina taphattootaa fi kilaboota hedduu akkan beekuuf na qarqaareera, Waggoota darban Liivarpuuliin yeroo hedduu Analysis gooneerra, ciminaa fi dadhabina isaanii adda baasneerra."
🗣️;-"Akkan yaadutti garee baay'ee cimaa tahe qabna, wantoonni gochuun nurra jiru hedduunis akkuma jirutti tahee.
🎙️Turtii preseason Ameerikaa fi deeggartoota Liivarpuul achi jiran ilaalchisee?
🗣️;-"Kilabni kun hangam akka guddaa inni tahe nin beeka, deeggartoota hedduus Addunyaa guutuu irraa akka qabu nin beeka."
🗣️;-"Turtii keenna Ameerikaa keessatti deeggartoota achi jiraniif taphoota miidhagaa fi bashannansiisaa akka daaw'achiifnu abdiin qaba.''
🎙️Taphataa taatee yeroo Ameerikaatti dabarsite?
🗣️;-"Imala kubbaa miilaa kiyya achitti xumuruu kiyyaaf ani carraa qabeessa ture, Waggoota 16 Athletic Bilbao keessatti dabarseera, kilaba biraatiif takkaayyuu taphachuu hin barbaanne ture."
🗣️;-"Gaafa kubbaa dhaabuuf yaadu maal gochuu akka qabu yaade, sana booda carraan NewYork City 'f taphachuu dhufe, liigii Ameerikaatti taphachuun hedduu na fayyade."
🗣️;-"Achitti taa'ee waan hedduu yaade, gaafa kubbaa dhaabe maal hojjadha? Waan jedhu akka gaariitti xiinxale, yaada imala leenjisummaa achii eegale."
Liivarpuul Afaan Oromootiin