12/11/2025
ABBAA DIIMAA GABBARAA!!!!!
("maammoo ati bacaqiidhuma bac bac goota malee akkamiin baharii daakta") 😁
Diggaa kootu seenaa qoosaan makaa tokko natti hime. Ka'umsi seenaa isaa immoo qoosaa namni hundi maaliif kiiloo afur galuuf maraata jedhurraa ka'a.
🌹Akka diggaan natti himetti Abbaan Jifaar mootii beekaa fi ammayyaa'aa kan bara sana paarlaamaa nama 60 gosoota godina jimmaa hundarraa walitti bahe ijaaruun murtee paarlaamaatiin bulchaa turani. Ministeera waraanaa Abbaa Diggaa Roorroo fi gorsaa hunda galeessa Abbaa Diimaa Gabbaraa jedhamuun marii bilchaataa gaggeessu ture.
Gidduudhaan namichi dhiheenya masaraa keessa tajaajiluuf dhufe kan maammoo jedhamu dimokraasii guutuu masaraa keessaa fi mirga isaaf kenname ilaalee maaliifan bakka mootii abbaa jifaar kana hin buune jedhee yaaduu eegale.
🌹Bara sana namni waan raajii hojjetee fi Abjuu eebbifamaa fi milkii arge ni badhaafama waan ta'eef akkamiin carraa kana fayyadamee mootii ta'u jedhee mala tokko male.....
🌹Innis ganamaan abbaa jifaar bira deemee "yaa mootii eda galgala rabbi manaamaan harka na qabee bahaarii guddaa(ocean) na daaksisaa bule mujiizaadha" jedhee itti hime.
🌹Abbaan Jifaaris mujiizaan kun waan baayyee dhibeef gorsaa isaanii beekamaa fi hunda galeessa Abbaa Diimaa Gabbaraa waamanii manaama namichaa itti himanii hiikiif( fassariif) yookaan furmaatasaa naaf himi jedhaniin
🌹Abbaan Diimaa gabbaraa garuu bilchaataa fi akka maammoon aangoof maraataaru waan beekuuf aluma jalqabu "dogoggora guddaa hojjette ni balleessite jedheen.
🌹Maammoonis maal AbbaaDiima anoo rafeen abjuudhaan manaamaan baharii daakee maalan balleesse jedhee gaafate.
🌹Abbaan diimaas utuma abjuun manaamaan ta'ee:
👉 bahaarii abbaa jifaartu daaka,
👉abbaayiin Abbaa Diggaa Abbaa Roorrootu daaka,
👉Gibeen anatu daaka
👉ati siluma kan maalii bahaarii daakta? Diddee fuulduree mana keetiitii bacaqii bacbac hingootuu? Baayyee dogoggorte kee silaa bacaqii bacbac gochuudha qabda ture" jedhanii abdii kutachiisanii maammoo xallaasaa fi aboottaa babbareedduu keessa buusanii hojiisaa idileetti deebisani jedhee diggaan natti hime
🌹Maaliif seenaa kana yaadattan jedhee diggaakoo gaafannaan; Isuma namni hundi Akka waan sammuun raafamee kiiloo afur galuuf maraataarutu na dhibe, isayyu yaadaan caalee osoo hin ta'in jibbaa fi inaaffaan tarsiimoo dulloomaa "bara shaantuutiin" isa namni kiiloo 4 galuuf maraataarutu na dhibnaani naan jedhe.
🌹Achumaanis diggaan Masaraa kiiloo 4 galuuf daandii lamatu jira naan jedhe. Isaanis
👉1. Paarkii kiiloo 4 qarshii 300 kaffalanii galuu....
👉2. Filannoo qulqulluun yaada caalmaa ummatatti dhiheessanii gurguratanii filannoon injifatanii qofa naan jedhe.
Boida kana garuu gorsummaa biyyoota 128 dhiisee miindaarra jira waan ta'eef bacaqii bac bac godhaa jira.😂
Mee maammoowwan kana eenyufaadha? Qulbaa kaasaa tarreessaa!
Diggaakoo ulfaadhu qoosaa ergaa guddaa qabu natti himte .
.......................
By John Ahmed🙏